Gurraandhala 18,2016 FXG Godinaalee Oromiyaa Keessatti Jabinaan Itti Fufee Jira. Alaabaan ABO Qilleensa Oromiyaa Irra Balali’aa Jira.

AlaabaaHar’a Gurraandhala 18,2016 FXG oromiyaa bakka hundaatti har’a ganama irraa kaasee itti fufeera. Godina Shaggar lixaatto qonnaan bulaan lafa keenya irratti diina hin gabbarru jechuunis fardeen isaan yaabbatee gara FXG barattoota waliin walitti makamuutti deemaa jira. Shawaa lixaa, Gindabarat, Amboo, Gudar, Jalduu, Baakkoon hanga baadiyaatti fincila isaa itti fufeera. Wallagga bahaa fi Horro Guduruutti barattootni mana barumsaatti fincilaisaanii itti fufaniru.Alaabaaa
 
FXG godinaalee oromiyaa maratti har’a yeroo wal faana alaabaa keenya qabachuudhaan itti fufeetu jira. godina Arsii keessatti magaalonni hedduun bilisa of baasaniiru,. Bulchiinsa mootummaa diiganii bilisummaa isaanii mirkaneeffatanii jiru. Dhaadannoon bakka hundaattuu karaa cufuudhaan itti fufeera. Mootummaan wayyaanees rifatee jira.

1 thought on “Gurraandhala 18,2016 FXG Godinaalee Oromiyaa Keessatti Jabinaan Itti Fufee Jira. Alaabaan ABO Qilleensa Oromiyaa Irra Balali’aa Jira.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a comment