1. Dr Biqilaa Nagasaa (Internist)
2. Dr Shimallis Laggasaa (Internist)
3. Dr Taddasee sooressoo (pediatrician)
4. Dr Tashomee Abayinee(pediatrician) hojii idileen alattii Ummata akka hin tajajille hojii geggessaan hospitallichaa dhorkeera. Kunis kaffaltiin isaaniif kaffalamu hin jiru jechuun ta’uu hojjettootni hospitaalichaa ni dubbatu. Haala yeroo ammaa wajjin walqabatee mootummaa gabroomfataan kun uummatni keenya karaa hundaan akka miidhamu gochaa jira. Hakiimonni kunneen hojiirraa dhorkamanis iyyata hooggansa manichaa fi qaama ilaalu maraaf dhuunfaa fi gamtaan dhiyeessaa jiru. Hidhaa, ajjeechaa fi hanqinoota bu’uuraalee misoomaarra darbee tarkaanfiin mootummaan ogeeyyiin fayyaa akka uummata hin tajaajilleef fudhachaa jiru daranuu qabsoo keenya kan cimsuu fi hawaasi akka caalaatti dammaqu kan godhu ta’uus qeerróon ibsee dhukkubsataan haala nama gaddisiisuun miidhamaa fi komee nama irraa fuudhu dhabee rakkachaa jiraachuu gabaasi nu gaye ni addeessa.




Pingback: Doktorooti Ogeessa Fayyaa Ta’an 4 Wallagga Hosptala Naqamtee Irraa Ogummaa Isaaniin Ummata Akka Hin Tajaajillee Mootummaan Wayyaanee Dhorkuu Qeerroon Gabaase. | g9680
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist