GuraanDhala 11/2016 Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa keessatti Barruuleen Warraaqsaa FXG , Waarraaqsaa FXG itti fufsiisanii fi ABO  fi uummata Oromoo faarsaan Uummataaf raabsamuu fi bittneefamuu fi Daandiin Bakkoota Hedduutti Halkan Edaa Cufamuun  Mootummaa Wayyaanee Yaaddoo isa Dhumaa keessa galche jira.

   Godina Lixaa Shawaa Aanoota Garaagaraa kanneen akka Giincii, Jalduu, Ilfata, Amboo ,waddeessa, Xuuqur incinnii, Tokkee, Kuttaayee, Baabbichaa, Geedoo Calliyaa, Midaa Qanyii, Horroo Guduruu jimmaa Raaree , Guduruu,  Finca’aa  fi Godinaalee Bahaa Wallaggaa, fi Godina Kibbaa Lixaa shawaa Walisoo fi naannoo ishee fi Godinoota Oromiyaa dhihaa bakkoota hedduutti barruuuleen Warraaqsaa bittineeffamaa fi maxxanfamaa buluufi daandiiwwaan konkolaataa darbanii darbanii cufamuun  wal qabatee Wayyaaneen yaaddooftee Waraada  ishee dabalataan  Oromiyaa keessa qubsiisaa jiraachuun ibsame jira.

   Haaluma Wal Fakkaatuun Godinaalee Bahaa Oromiyaa Magaalaa Dirree Dawaa , fi Godinaal;ee Harargee Bahaa fi Harargee Lixaa, Godina Arsii Lixaa magaalaa Dodolaa fi bakkoota hedduutti barruuleen warraaqsaa bittinneefamuu fi maxxanfamuun Walqabatee Warraaqsii haalaa jabaatee itti fufaa jiraachuu irraa Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee Muddama seenuun waan qabee gadhiisuu dhabuun humna Waraanaa isaan biyya goolaa fi Shororkeessa kan jiruu ammaas Waraanaa kallattii hundaan bobbaasaa jiraachuu fi Sochii amma adeemaa jiruu irraatti Waraanni Wayyaanee Wayyaaneetti garagaluun isaa kan hin ollee ta’uun hubatamee jira.

Leave a comment