Fincilli Xumura Gabrummaa guyyaa har’aa Guraandhala 8,2016 Oromiyaa bakkoota adda addaa keessatti haalaan finiinaa oolee jira.
Jiraattoti naannoo Gujii Harqalloo,Hararge aanaa Doobbaa araddaa Madda Bilisummaa,Shaashamannee fi bakkoota adda addaa keessatti diddaan sirna Wayyaanee deemaa oolee jira.Haalli kun kan isa yaaddesse waraanni Wayyaanee waan qabee gadhiisu walaaluun uummata tasgabbii dhabsiisuu yaalu iyyuu sochiin Qeerroo jabaatee itti fufee jira.