Godina Shaggar Lixaa Ona Waddeessaa Keessatti Walitti Bu’iinis Qonnaan Bultootaa fi Waraana Wayyaanee Jidduu Jabaachaa Jira.

Amajjii 24/2015
Gabaasa Shaggar Lixaa ona Waddeessaa irraa nu qaqqabeen guyyaa sadiif jechuun torban kana keessa dhukaasni uummataa fi waraana Wayyaanee gidduutti taasifameen humna waraana Wayyaanee keessaa namni 4 kan du’a yoo tahu hedduun madeeffamuun kan gabaafame yoommu tahu qonnaan bulaa keessaa namni 2 du’uunis Qeerroon gabaasee jira.
Har’a odeessi Qeerroo garasii nu qaqqabeen dargaggooni ona kana gadhiisanii jiru, akkasuma qonnaan bultootni tokko tokkos naannicha
gadhiisuun naannoo biraatti godaanananii jiru jedhu kunis waraana Wayyaane humni guddaan gara sanatti guuramaa waan jiruuf haalli jiru
jabaata tahuu irraan dargaggoonni hedduun naannicha gadhiisaa akka jiran gabaafamee jira.
Haaluma kanan barattootni yuuniversitii 14 maqaan isaani maxxanfamee jiru waraana Wayyaaneen kanneen barbaadamaa jiraniidha. Maqaa
barattoota lukkuulee diinaan barbaadamaa jiranii gabaasa keenya eengaddaa irratti ifa ta’ee jira.

Leave a comment