Dhaamsa Galataa Waldaa Dubartoota Oromoo UK tiif, Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

cropped-qeerroo-edit.jpg

Waldaa Dubartoota Oromoo UK tiif

Haa ga’u dhaamsi keenya, jaallan qabsoo bilisummaa, miseensota waldaa dubartoota Oromoo biyya UK fi ilmaan Oromoo biyya keessan keessa bilisummaadhaan jiraachuu dadhabdanii biyya ormaa jiraattan hunda. Oduu hiriira nagaa gaafa Amajji 5, 2016 biyya UK-tti geggeessitanii fi Amajji 5 hanga 7, 2016tti qorra gannaa (winter) nama goggogsu keessa buluudhaan nu ilmaan keessan rasaasa mootummaa fashistii Wayyaanee dura dhaabannee falmaa hadhaawaa geggeessaa jirru faana dhaabbachuu keessan yammuu dhageenyu imimmaan gammachuu fi gaddaan walmakaa tu hudhee nu qabe. Hangamuu dararaan nutti baay’atu, hangamuu nutti roorrifamu, yammuu lammiin keenya biyya ambaa akkasitti kutatee wareegama fedhe kafalee mrannoodhaan nu faana dhaabatee falmuu isaa yammuu dhageenyu gammachuu keenya dachaa taasisa. Karaa biraatiin, nu warri biyya dictaatarummaan keessatti dagaage akka empaayera Itoophiyaa keessa jiraannu, akka keesanitti balbala Muummicha Ministeeraa  taa’aa buluun hafnaan, mana barnootaa keenya keessallee teenyee sa’atii tokkoof mormii dhageessisuun, yookiin mallattoo mormii bifa kamiinuu muli’suun kan wareegama lubbuu nu gaafatu ta’uu yammuu yaadannu, gadda kana hin jedhamneen guutamna.

Jaallan lammii keenya biyya ambaa jiraattan,

Nu ilmaan keessan manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa irraa hanga dhaabbata ol’aanaa keessa jirru jiruuf jireenyi nutti hadhaawee jira. Biyyuma abbaa keenyaa irratti alagaa biyya keenya weeraree qabateen dararamaa jirra. Nagaadhaan manaa baanee galuun hafnaan, manuma keenya keessa jiraachuu hin dandeenye. Kana caalaatti kan nagaa nu dhowwaa jiru ammoo biyyi keenya gurguramaa waan jirtuuf qalbii ittiin teenyee barannu dhabne. Biyya hin qabnu taanaan barachuunis hiikaa nuuf dhabe. Biyya baratanii hojii argachuudhaaf ergamaa diinaa ta’anii, sammuu ofii fi saba ofii gurguruun dirqama namatti ta’etti barachuun gatii maalii qaba? Kanaaf jennee, diina hanga funyaaniitti hidhate dura dhaabbannee falamachuudhaaf murteeffanne. Xalayaa Galataa Waldaa Dubartoota Oromoo UK

1 thought on “Dhaamsa Galataa Waldaa Dubartoota Oromoo UK tiif, Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

  1. You are putting your integrity under question by thanking one association or part while the whole Oromo diaspora is working hard. At the same time, it looks like somebody/group is writing on behalf of Qeerroo from diaspora!

Leave a comment