Leelloo Sabaatiin
Oromiyaa fi firoottan isii biratti, Amajjiin tokko, guyyaa gammachuu dacha ti. Guyyaan kun, guyyaa ganna dullacha keessaa gara ganna ykn waggaa haarayaatti itti tarkaanfatan qofa osoo hin taane, guyyaa Waraana Bilisummaa Orommoo (WBO) ti. Amajjiin tokko, guyyaa WBO akka ta’u hoogganni ABO (Addi Bilisummaa Oromoo) murteessee kabajamuun kan eegale bara 1980 irratti.
Barooti 1980 dura turan, baroota itti WBO’n haala akkaan rakkisaa fi wal-xaxaa keessa seenee of jiraachiisuuf qormaatni hamaan itti isa mudate ture. Barooti kun, bara WBO’n duubaan waraana weerartuu Ziyaad Baareetiin; fuulduraan ammo, waraana weerartuu Ixoophiyaa Dargiin hoogganamuun marfama keessa seene oggaa ta’u, keessaan ammo, bara itti foxxooqiinsi fi jeeqamsi keessaa itti isa mudate ture. Humni WBO oggus qacalee haa turu malee, taankiii fi xiyyaaraan duubaa fi duraan duula Dargii fii Ziyaad Baarreen irratti banamee fi foxxoqiinsa keessaan isa mudate hunda injifatnoon irra aanee jireenya isaa waan mirkaneesseef Amajjiin tokko, barri 1980, guyyaa WBO ta’ee labsamee guyyaa san irraa eegalee waggaa waggaan kan kabajamuu dha.
Marfama duraa fi duubaan isa mudate, akkasumas, foxxoqiinsa keessaa hunda cicciree dhabama irraa of oolchuun injifatnoon waggaa haaraa Amajjii tokko bara 1980 akka kabaju kanneen WBO’f meeshaa guddaa ta’an keessaa: jaalala ABO fi Oromiyaa,jaalala hooggana ABO, of keniinsa, cichoomina ykn amanamummaa kaayyoo, sabaa fi of irratti abdachuu, obsa, muratnoo,naamusa, tokkummaa, gootummaa fi wareegama baasuuf fedha qabaachuu dha. Qacalummaa isaatti WBO bal’eessuuf kan diinni duraa fi duubaan, akkasumas, keessaan irratti karoorfate hunda irra aanee jireenya isaa fi kaayyoo walabummaa Oromiyaa tiksuun Amajjii tokko bara 1980 akka kabaju kanneen WBO gargaaran, amaloota warraaqsaa akka sibiilaa jabaatu fi haallen kamuu keessatti hin raafamne kana qabaachuu isaa ti. Waan kana ta’eef, Amajjiin tokko, amaloota kanneen akka: jaalala Oromiyaa, Oromiyaaf wareegama baasuu, ummata ofii fi kaaayoo isaaf amanamummaa qabaachuu, muratnoo, of keniinsa, gootummaa, hooggana ofii jala deemuu fi rakkoo keessatti obsa qabaachuun rakkoo kamuu keessa nama baasuu kan danda’u ta’uu guyyaa itti :kabajnu, wal yaadachiifnu fi amaloota kana hin qabnu yoo ta’e horatuuf itti murtii fudhanuu dha.Dhaamsa addaa Amajjiin tokko