Amajjii 4,2016 Godina Wallaggaa Magaalaa Shambuu fi Magaalaa Madii Keessatti Ficila Xumura Gabrummaa Ka’een Manneen Barnootaa Qophaayinaa Guutummaati Cufaman.

Har’a Amajjii 4,2016 Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Shaambuu keessatti kan argamu mani barnoota qophaa’inaa guutummatti cufamee jira.Mormii barattoonni kaasaniin wal qabatee ijoolleen shamarran Oromoo lama waraana Wayyaaneen waan butamanii ukkaamfamaniin barattooti guutummaatti dhadatnoo dhageessisaa turanii mana barnootaa cufanii gara maatii isaaniitti deebi’aa jiru.Barnooti bilisummaa booda jechaa dhadataa akka turan Qeerroon gabaasa.

Gama biraan Godinuma Wallagga lixaa magaalaa Mandii keessatti barattooti Oromoo warri hidhaman haa gadhiifaman dhadatnoo jedhuun mormii guyyaa har’aa ka’een wal qabatee waraanni wayyaanee magaalicha goolaa waan jiruuf barattooti guutummaatti mana barnootaa cufanii maatiitti deebi’aa akka jiran gabaafame.

1 thought on “Amajjii 4,2016 Godina Wallaggaa Magaalaa Shambuu fi Magaalaa Madii Keessatti Ficila Xumura Gabrummaa Ka’een Manneen Barnootaa Qophaayinaa Guutummaati Cufaman.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a comment