Barattoonni Preparatory Namqamtee FXG Itti Fufuun Loltooti Wayyaanee Heddumminaan Qabee Daa’immaan Reebuu fi Hidhuutti Jira.

Mudde 31,2015 BARATTONNI  PEREPARATORY NAQAMTEE FXG AKKUMA ITTI FUFANITTI JIRU Akkuma kaleessa jechuun mudde 29,2015 FXG eegala har’a Mudde 30,2015 bifa  dhaadannoo garaagaraan sagaleesaani dhageessifataa oolaniiru.
Dhaadannoole isan gootummaan humna waraanaa dura dhaabbatanii dhageessisan heddu naasisaa turuusaa ijaan argeera keessaayyu
_Nuti baraattoonni haawwaasaaf baranne,hidhaan,ajjeechaan,qawween haawwasaaf falmuu duuba nu hin deebisu
_Kan irratti wareegamne,kan irratti miidhamne amma galmaan geenyutti duuba hin deebinu
_Mootummaa nu ajjeesuun hin bullu
_Manni barnoota dirree waraana erga ta’ee mormii keenya,sagalee keenya,guyya guyyaan nii dhageessifanna
_Humni waraanaa hanga magaala Naqamtee gadi lakkisutti baraachuu hin dandeenye
_Kan hidhaman haa lakkifaman
_Kan Ajjesee seeratti nuuf haa dhihaatu
_Labsiin duguuggaa sanyii nurraa haa ka’u
_lafa keenyarraa Buqqa’un haa dhaabbatu fkkf jechuun sagalee dhageessisaa turan.Hanga gabrummaa jalaa baanutti diddaa  itti fufna jedhaniiru

Leave a comment