Mudde 16,2015 Bulchiisni magalaa Sabbata har’a manneen barnootaa hundumaa kan dhunfaa osoo hin hafiin cufanii adeemsa baruuf barsiisuu wali galatti kan dhaabbate yoo ta’u, hojjetaan mootummaa (civil servants) hundumaa waajjiraalee isaaniitti olgalchanii karraa itti cufanii, beeksisaan “hojii arifaachiisaan waan jiruuf abbaa dhimmaa hinkeessummeessinu ” jechuun abban dhimmaa akka achii hin dhaabanne poolisiin ittisaa jiru.
Sababiin isaa kan ummataa kaakaasaa jiru civil servant dha jedhanii walga’i hojjetootaa guyyaa kaleessa 15/04/15 gaggeeffamee irratti akeekkachiisa cimaa wajjin hojjetaan sa’aa hojii hundumaa waajiraa akka gad hinbaaneef murta’e. Kaabinoonni ammoo tokkollee waarra sochi hojjetaa mooraa keessa too’atan irraa kan hafe hojii basaasaatiif magaalaa keessa faca’anii jiru. Loltoonni waaraanaa fi poolisiin Federaalaa konkolaataan (pick up) magaalaa guutaniiru asiif achi kaatu waarri kaabinee baayyeen isaanii konkolaataa dhuunfaa lakk.gabatee koodii 2 fi 3 qabatanii karaa namnii isaan hinshakineen socho’aa jira.