Mudde 17,2015  Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa jabaachuun itti fufe, Waraanni Wayyaanee Dhukaasaa uummatarratti baneen Milishaan gandaa maqaan isaa Guutuu Margaa kan jedhamu Wareegame jira. Milishoonni aanaa Midaa Qanyii hundi mootummaa ganuun hidhannoo isaanii waliin uummata waliin hiriiruun falmachuu murtii dabarfachuun hiriiratti makaman, Warraaqsii uummataa kun  Qonnaan bultootaa, hojjettootaa mootummaa, milishootaa gandaa fi dargaggoota Barattoota Oromoo hundaan jabaatee itti fufe. haalli kun kan isa yaaddesse mootummaan wayyaanee waraana humna raayyaa ittisa biyyaa fi Agaazii gara Midaa Qanyiitti hedduminaan guuraa jiraachuun ibsamera. waraanni wayyaanee kunis dhukaasaa uummatarratti banuun milishaa gandaa tokkoo ajjeesuun namoota hedduu madeessuun gabaafamera.

Warraaqsa kana dura dhaabachuuf Guyyaa har’aa Mootummaan wayyaanee waraanaa ittisa biyyaa (mekalakiyaa) fi humna agaazii guddaa konkolaataa 7tti fe’uun gara Aanaa Midaa Qanyiitti imaluun uummata nagaan mirga isaaf falmachaa jiru irratti dhukaasaa waraana banuun milishaa gandaa abbaa maatii 10 ajjeessan Dhukaasaa waraanaa guddaa bananiin guutummaa aanaa Midaa Qanyii jeeqaa olaniru, namootni madaa’an hedduu ta’anis ammaf maqaan kan adda hin baafamne ta’uun ibsame jira.milishaan gandaa wareegame kunis  Obboo Guutuu Margaa Milishaa Ganda Soolee Keenjoo kan jedhamu ta’uu maddeen mirkaneessaniru.daandiin konkolaataa bakkoota hedduutti galgala kana cufamaa jira.

1 thought on “

  1. Maalo warra maanguddummaa jedhee ummataa fi Wayyaane jiduu deddeemu kana nurraa dhoorkaa. Oromoon kana duraas warra akkanaatiin sobamee diina jalatti kufee kana hubadhaa.

Leave a comment