Muddee 17, 2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti Mootummaan Wayyaanee labsii Waraanaa dabarsuutti uummatni haalan dheekkame. Ganama har’aa irraa eegalee Uummatni Oromoo Meettaa Roobii kuma 16 oliitti tilmaamamu hiriira mormii dhageesisuuf ba’ee, Uummata karaa nagaa mirga isaaf falmu irratti waraanaa banuun har’a Meettaa Roobitti barsiisaan Oromoo Taddasaa Tsaggaayee wareegame. Uummatni namootni hedduun kan ammaaf baay’ina isaanii adda baasuun hin danda’amne madaa’aniru. waraanni uummatarratti banames itti fufe jira.Haalli Meettaa Roobii dachaan ulfaate jira.