Maqaan Magaalaa Ijaajjii waan irraa moggaafame baroota 120 dura waraanni Minilik gara naannoo dhiha Oromiyaatti darbuuf bakka san yeroo gahu uummanni naannoo dabarsuu dide,bakka sanatti Ijaajise ( Dhaabe) gooti bara san lolee lolchiise Geendaa Buushan jedhama. Egaan waraanni Minilik waggoota 5 oliif achitti waan jaajjisaniif bakkichi Ijaajji jedhamuu maanguddoonni seenaa ni himu.
Har’as goototiin naannoo sanii Wayyaanee dabarsu diduun achitti Ijaajjisaa(Dhaabaa) jiru.