Har’a Muddee 16,2015 Hospitaala Najjootti poolisiin Hospitaala seenuun walitti bu’iinsa uumameen wal-qabatee hojjetooti guutuun itti makachuun lubbuun waardiyyaa Hospitaalichaa fi namoonn 3 boroo yeroo darbu, kanneen 36 ol t’an ammoo madoo hamaa ta’uun achummatti gargaarsa fudhachaa jiru.Kana maleesa Magaalaa Ayiraa keessatti Mudde 16,2015 namni 5 wareegamanii jiru.
Itti dabaluunis hiriirri mormii Aanaalee Nuunnuu Qumbaa Magaalaa Adaree, Jimmaa Arjoo daandii cufuun fi Leeqaa Dullachaatti itti fufee ooleera. Guyyaa kaleessaa (Mudde 15,2015) Poolision Mana Barumsaa Gatamaa Sadarkaa 2ffaa seenuun barattoota hiriira nagayaa bahan reebuun tokko battaluma ija erga jaamsan booda, buufata fayyaa Gatamaatti lubbuun isaa darbeera. Suuraa fi maqaa barataa kanaa qeerroo naannoo sanaarraa fudhannee ergina.