- Anaa iluu magaalaa Tajiitti uummata gaba irraatti gaaza imimmaanessu dhukaasuun namoonnii baayyeen hawaasni wa’ee gaaza kanaa kan hinbeekne karaa irrattii kuukkufee bakka jiruttii reebichaafii dhukaasa irratti banuun kaan ajjeesaa kaan madeessa kaan ammoo mana hidhaatti guuraa jiru.
- Amman tana ammoo magaalaa Asgorii anaa Iluu uummannii daandii cufee loltoota Wayyaanee waliin falmii guuddaatuu godhamaa jira. Tajii fi Asgoriin addaan fageenya km 5 qofa qabdi.
- Godina Wallaggaa Anaa Jaarsoo keessattii guyyaa har’aa bartonnii Sad2ffaa fi qopha’inaa diddaa gaggeessanin mootummaan Wayyaanee barattoota harka qullaa gaaffii mirgaa gaafatanitti hamma galgala kanaa dhukaasaa akka oolete beekamee jira. Manni barnootaas torbaan tokkoof akka cufamu labsiin kaabinoota Wayyaaneen naannichatti labsamaa jira. Achuma Gandaa Haroo Birruu Jedhamu keessattii yeroo sadafaf mormiin itti fufee jira
- Galgala kana Mudde 15,2015 barattoota sagantaa galgala kolleejjii barsiisotaa Naqamteetti baratan itti humni bobbaasamee barattoota irratti dhukaasi banamee jira Barattooti faffaca’anii waan jiraniif halkan kana uummati Magaalaa Naqamtee akka isaan cina dhaabbatu bakka bakkatti bilbilaan walitti dabarsuun waamichi godhamaa jira.
- Kibba lixa Shaggar aanaa Iluu har’a 15/12 /2015 Hiriira mormii guddaan uummata aanaa sanaa barattoota, qonnaan bultoonni fi jiraattonni magaala mormii godhaa oolan.Galgala kana ammo humna waraanaa fi dhuka’a meeshaa gurguddaa itti bobbaasuun aanicha tasgabbii dhorkaa jiru warri Wayyaanee. Kaabineen aanaa Kinfaa Iggazuu jedhamus ummata waliin walitti bu’ee miidhama guddaan irraa gahamee Hospitaala aanichaa akka jiru beekame.
- Akka Kanaan Godina kibba lixa Shaggar aanaa Iluu magaala Tajiitti guyyaa har’aa 15, 12, 2015 ganama sa’aa 3 irraa eegalee humni Wayyaanee magaala kanatti bobba’e ummanni akka hin daldalannee sodaa irraa qabaniin kan ka’e gabaa bittinneessaniiru.Aanaadhuma kana magaala asgoritti hirira mormii sabboontota ilmaan Oromootin umameen humni diinaa gaazii summaa’aa fayyadamtee ummata bittinneessuf yaaltetti.Magaalaa kanatti mormii umameen kabinoonni jala kaattun Wayyaanee ummataa fi barattoota maqaa diinatti dabarsuun qabsiisaa jiran akka armaan gaditti maqaa isaanii tarreessineerra.
1.Akliiluu Caakkaa qunnamtii(communication) ummataa kan ta’e
2.Tasfayee Baay’isaa manager magaalaa asgorii
3.Tarruu Leellisaa kantiibaa magaalaa kan ture
4.Chombee Lammeechaa hojii kan hin qabne gurra diinaa ta’uun ummataa raakaa kan jiru
5.Warquu namni jedhamu kantibaa magaalaa kan ammaa kan ta’e akkasumas 6.Naggasaa Mitikkuu
7.Dajanee Baqqalaa Namoonni asii olitti eeraman kunniin ummata Oromoo aanaa Iluu keessumaahu magaala Asgoritti Darara ummata keenyarran gahaa jiru.Namoonni kun gochaa kanarraa hin deebi’an yoo ta’e tarkaanfiin ummata fi qeerroo naannoo saniitin irratti haa fudhatamu.