Mudde 14,2015 Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu Sabaa fi Sablammoota Biyyattii Hunda badalachuun halkan Guutuu FDG finiinsaa Bulan. madda Walaabuutti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabaatee itti fufe. Barattootni Ilmaan sabaa fi sablamoota biyyattii Mooraa yuunibarsiitii Madda Walaabuu barattoota Oromoo waliin ta’uun sagaalee dhaadannoo dhageesisaa bulan. humni waraana wayyaanee Agazii jedhamu barattoota dura dhaabbachaa kan jiruu fi Akka Magaalaatti gadi hin baane humnaan Ittisaa jira.