Har’a Mudde 9,2015 FDG Itti Fufee Yuniverstii Hawaasaa Kampaasii Awaadaa fi Shaggar Lixaa Magaalota Gudar,Shukutee,Baalee Roobeetti fi Tullu Boolloo Itti Fufee Jira.

Mudde 9,015 Gabaasa Qeerroo

Har’a Mudde 9,2015 FDG Itti Fufee Yuniverstii Hawaasaa Kampaasii Awaadaa fi Shaggar Lixaa Magaalota Gudar,Shukutee,Baalee Roobeetti fi Tullu Boollootti Itti Fufee Jira.

Akka KanaanHar’a ganama irraa eegaluun qeerroon Yunivarsiitii Hawaasaa kaampaasii Awaadaa uffata gaddaa uffachuun ilmaan Oromoo osoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafatanuu humna waranaa wayyaanen ajjeefamaniif gadda ibsachaa jiru. Qeerroon barattoonni oromoo yunivarsiitii hawaasaa kaampaasii awaadaa uffata gaddaa kana kan qopheeffatan guyyaa ayyaanni sabaa fi sablammootaa mooraa yunivarsiitichaatti kabajamuuf ture , haata’u malee yunivarsiiticha odeessa tokko tokko waan dhagaheef guyyaa kabaja ayyaanaa kana dabarsuu danda’ee jira. 

Jajjaboon qeerroon barattoota Oromoo mooraa yunivarsiitichaatti argaman immoo guyyuma kanatti uffata gaddaa uffatanii booyichaa fi sagalee tokko tokko dhageessifachaa jiru. Humni waraanaa dabalataanis gara moorichaatti fe’amaa jiru. Diinin kaampaasichaas ijoollee keessa deemun akka isaan gara doormitti deebi’an kadhachaa jira. Waraabbiin suuraa fi sagalee immoo akkuma nu qaqqabeen isiniif dhaamna.

Magaala Tulubolloo har’a guyyaa 09/12/2015 barattoota sodaa irraan kan ka’ee barattootaf qormaata kennanii Kaabinoonni Aanaa dullaa guuratanii Police waliin dallaa mana barnoota hibret Fire marsanii jiran. Barattoonni, uummanni fi hojjattootni Mootummaa dallansuu guddaa irra akka jiran dhaga’ame.

1 thought on “Har’a Mudde 9,2015 FDG Itti Fufee Yuniverstii Hawaasaa Kampaasii Awaadaa fi Shaggar Lixaa Magaalota Gudar,Shukutee,Baalee Roobeetti fi Tullu Boolloo Itti Fufee Jira.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist

Leave a comment