Wallagga Horroo Guduruu M/Barumsaa Suluula Finca’aa Keessatti Warraaqsa Barattootaan Ka’een Ijoolleen 4 Rasaasa Wayyaaneen Madaawuu Qeerroon Gabaase.

Muddee 07/2015 Godina Horroo Guduruu Aanaa Abbaayi Cooman Suluula Fincaa’aa Magaalaa warshaan Sukkaara Finca’aa Keessatti Argamu Keessatti Warraaqsii FDG Gootota Uummata Oromoo fi Gootota Barattoota Oromoo M/B Suluula Finca’aa tti Jabaatee itti fufe, Waraanni Wayyaanee Uummata irratti waraana bane ilmaan Oromoo 4 rasaasaan rukutaman. Warraaqsii FDG uummataa Oromoo fi Gootota Barattoota Oromoon Suuluula Finca’aa Magaalaa warshaan suukkaraa Fincaa’aa keessatti argamtu keessatti Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen naannoo Oromiyaa Murteesse atattamaan haqamuu qaba jechuun Warraaqsaa Finiinsuun Magaalaa Suluula Finca’aa keessa naanna’uun mormii guddaa dhageesisuun Waraana agaazii wayyaaneen bobbaase waliin wal dura dhaabbachaa oolan, FDG kun ganama sa’aa Lama irraa eegaaluun guyyaa guutuu gaggeeffamaa kan olee yoo ta’u, mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banuun Ilmaan Oromoo barattoota 4 rasaasaan rukutamuun yeroo amma du’aafi jireenya gidduutti argamu’

  1. Barataa Wakjiraa Giddisaa Mitikuu
  2. Barataa Masarat Xilahuun Oljirraa
  3. Barataa Alamuu Likkisaa Kabbabaa
  4. Barataa Zarihuun Raggaasaa Teessoo

Kanneen jedhaman rsaasaan rukutamanii yeroo amma gara hospitaalatti fe’amuu madden keenya gabaasan. Uummatni mootummaa ilmaan keenya fixaa jiru waliin hin jiraannu jechuun amma illee warraaqsaa itti fufee jira, galgala kanaa Waraanni wayyaanee ittuma fufuun uummata irratti dhukaasaa banaa kan jiru yoo ta’uu ilmaan Oromoo hidduun hidhaatti guuramuu maddi keenya gabaase.

 

Leave a comment