Gabaasaa Qeerroo Mudde 6,2015 Oromiyaa
1.Yuuniversitii Awwaddaayitti barattootni oromoo kumaan lakkaawaman guyyaa har’aa ayyaana sabaa fi sab-lammootaa mooricha gaggeeffame
sababeessuudhaan barattootni fi hojjetootni mooricha oromoo tahan keessattuu Barsiisotni barattoota waliin tahanii hucuu gaddaa uffachuudhaan mooraa keessatti barattoota oromoo mormii master pilaanii irratti wareegamani fi wareegamaa jiraniif yaadannoo guyyaa guutuu taasisaanii akka jiran caasaan Qeerroo mooraa Yuuniversitii Awaddaayi gabaasee jira. Rakkoo networkiif suurawwan achii nu qaqqaban darabsuu hin dandeenye. FDG mooricha ka’a jedhamee waan sodaatameefis humni waraanaa har’a naannicha buufatee akka oole gabaasanii jiru.
.
2.Godina Qellem wallaggaa magaala Dambi Doolloo, Sayyoo fi manneen barnootaa adda addaa keessatti guyyaa har’aa FDGn itti fufee oolera.
Qellem ona Jimmaa Horroottis diddaan akkuma eegaletti itti fufee jira. Barsiisotni mana barumsaa Ona Jimmaa Horroo irraa toohanna jala galuuf
mootummaan wayyaanee karoora keessa galchee akka jiru dursee odeesaan nu qaqqabe barsiisotni mana barumsatti barattootni FDG akka ka’an,
uummatas akka kaasaniif adda durummaan kan gaggeessaa jiru barsiisota tahuu shakkiidhan barsiisoni manneen barnootaa hunduu qoratamuu fi
toohatamuu akka qaban wayyaaneen ajaja baasaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. FDG magaala Dambi Doollotti mootummaa wayyaanee yaaddoo keessa buusee waraanni isaa hanga har’aatti gadi guurama akka jiru Qeerroon gabaasaa jira. Halkan edaa dargaggootni Qeerroo oromoo
magaala Dambi Dolloo WBO fi ABO faarsaa akka bule Qeerroon gabaasee jira.
.
3.Godina Harargee lamaanuu keessattis diddaan kan itti fufe yoomuu tahu waraanni wayyaanee humnaan ol uummata irratti miidhaa gaggeessaa
akka jiru irra deddeebiidhaan gabaafamaa jira, kunis FDG yeroo ammaa kun guutuu oromiyaa kan waliin gahamaa jiruu fi uummata oromoo hundas kan hirmaachisa jiru waan taheef mootummaan wayyaanee osoo ilaaluu uummanni irra galagalee aangoo isaa irraa darbachuuf diddaa
jabeeffachuun isa yaaddessee uummata oromoo irratti dhukaasaa fi gocha gara jabeenyaa raawwachiisuu jabeeffataa jira. Haaluma kanaan cinatti
miidhaa uummata irraan gahaa humnoota waraana isaa keessaa kanneen shakkus oromummaadhaan hidhanoo irraa hiikkachiisaa fi toohanno jala galchaa akka jirus dhaga’amee jira. Humna waraana federaalaa keessa godna Harargeetti hidhattooni lama uummata irratti tarkaanfii hin
fudhanne jechuun hidhannoo erga irraa hiikanii booda qorannoof gara Finfinneetti fiduu Qeerroon gabaasee jira. kun har’a Muddee 5/2015
ganama sa’a 3:30 irratti tahuu Qeerroo gabaasee jira.
.
4.Mootummaan wayyanee yeroo amma godinaalee keessaa Onoota FDGn hin gaggeeffamaa hin jirre dursee walgayiidhaan uummata sammu xaxuu fi uummata afaan faajjessuuf yaadu maqaa walgayiin uummata walitti qabuu yaadu uummanni gara diddaatti seenaa jira. walgayiin wayyaaneen
diddaa gaggeeffamaa jiru kana laamshessuuf ka’e fakkaatuu fi uummanni garuu bakkeewwan wayyaaneen walgayii waama jirtutti fesheleessaa akka jiru Qeerroon gabaasaa jira. Iluu Abbaa Booraa, Mattuu, Buree fi kkf keessatti walgayiin wayyaanee uumataan feshalaa’uu irratti darbee
uummanni gara diddaatti seenaa jira. Akkasuma Qellem, Anfilloo, Gabaa Roobii fi Qaaqee jedhamu keessatti walgayiin wayyaanee qonnaan
bultootaan feshalaa’e kaabinoota wayaanee kanaaf deemani qaaneessuun ariyuu fi walgayiin wayyaanee feshalaa’uu har’a Qeerroon gabaasee
jira.
5.Gooticha fi sabboonaa oromoo yeroo hedduu mana hidhaa wayyaanee keessatti dararama turan guyyaa sadii dura Caancotti tika wayyaaneen
ajjeefaman Obbo Dabalaa Xaafaa Roobii sirni awwaalcha isaanii har’a gaggeeffamuu Qeerroon gabaasee jira. Sirna awwaalcha isaanii irratti
godina shawaa kaabaa keessa kan jiraatu jiraattootni oromoo dargaggoon, maanguddoon, ijollee daa’imni osoo hin hafne gaddaa fi
boo’ica guddaadhaan kan sirna awwaalcha isaa xumuranii fi awaalcha isaanii boodas dhaadannoon dargaggoota Qeerroo oromootiin
dhageesifamaa oolee jira. Dhaadaannowwan Gumaa Baasuu, Dhaadannoo fi faaruu WBO tu dargaggoota oromootiin dhageessifamaa oole.
Godinaalee oromiyaa fi magaalota oromiyaa dhaabbilee barnootaa yuniversiitii keessatti diddaan dabalee kan hin dhaabbanne tahee jira.
Odeessaa fi guyyuudhaan FDG gaggeeffamu qilleensarra ni oolchina!