Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa FDG Itti Fufuun Mudee 6,2015 Mootummaa Abbaa Irree Balaaleffataa Oolan.

FDG jimmaMuddee 6,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Warraaqsaa FDG Dhoosuun Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaaf deebiin kennamuu qaba, fi Karoorri Master pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen Naannoo Oromiyaa Murteesse atattamaan Haqamuu qaba jechuun warraaqsaa FDG qabsiisuun Dhaadannoo Guddaa Mooraa Saayinsii Fi Teekinooloojii fi mooraa Guddicha Main Campus keessaatti galgala kana Sa’aa 3:00 Irraa eegaluun hanga Halkan keessa sa’aa 6:300tti Warraaqsaa FDG , jabeessuun dhaadannoon Qabsoo bilisummaa faarsuun jabeessuun itti fufsisan. Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Waraanni wayyaanee Gaazii Summaa’a halkaniin barattoota irratti dhukaasa jira. Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa bara darbee Ebla 11/2014 Irraa Eegaluun Waarraqsaa Mormii Master Pilaanii Finfinnee fi Gaaffii Mirga abbaa Biyyummaa dursanii kan qabsiisan karaa nagaa gaaffii isaanii iyyanoodhaan dhiyeeffachuun dhaadannoo Finfinneen Handhura Oromiyaati, Finfinneen Kan Keenya,Karoorri Maaster Pilaaniin Finfinnee Haqamuu qaba jechuun dhaadannoo guddaan mormii isaanii dhageesisuu egalaan, FDG achi irra eegalee Oromiyaa Cufa wal ga’ee, Hardhas goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Uummatni Oromoo Mootummaa dhukaasee isa ajjeesaa jiru jalatti buluu hin qabu jechuun Warraaqsaa Golee Oromiyaa keessatti qabatee Adeema jiru jabeessuun itti fufsiisan.Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa eeggicha Waraana Wayyaanee Mooraa waraana Dhihaa Magaalaa Jimmaa keessatti argamuun torbee lama guutuu eegamaa kan turan. Galgala kana warraaqsa kaachisuun sagalee dhaadannoo guddaa dhageesisuun Waraana wayyaanee Waliin Wal Dura dhaabbachaa jiru,Guutummaa gabaasa kanaaf nu eeggadha.

Leave a comment