Mudde 4,2015 Gabaasa Qeerroo
Guyyaa har’aa gootonni ilmaan Oromoo godina Oromiyaa bahaa Magaalaa Awadaay keessatti mormii sirna gabroomfataa Wayyaanee haala qindaawaa ta’een bahanii jiru.Barattoota mana barnootaa irraa ka’anii magaalaa naannawanii dhadhatnoo fi gaaffi mirgaa kaasaniin kan makame uummanni Oromoo jiraataan naannichaa hanga sa’aa kanatti hiriira isaa itti fufee jira. 
Diddaan Oromiyaa keessaa bakka gara garaatti qabatee jiru bifa kamiinuu ta’u waan dhaabbatu kan hin taanee fi mootummaa Wayyaaneefis sodaachisaa ta’ee jira. Ummanni Oromoo hiree isaa kanaan murteeffachuun waajiba!
isin booda jirra itti fufa