Godina Wallaggaa Dambi Doolloo Keessatti Yeroo Ammaa Hiriirri FDG Itti Fufee Jira,Mootummaan Gaaza Aaraa Barattootatti Gadhiisaa Jira.

Mudde,04,2015 Dambi Doolloo

Yeroo ammaa kanatti magaalaa Dambi Doolloo keessatti hiriiri mormii sirna abbaa irree Wayyaanee baldhinaan deemaa jira. Barattooti baadiyyaa fi magaalaan walitti makamuun humna waraana mootummaa ol waan ta’eef jecha humni Federaalaa naannichatti argamu gaaza summaawaa kan aaraan makamaa barattootatti gadhiisuun hedduu jeeqaa jiru.

Haala kanaan manneen barnootaa guutummaatti cufamanii hojiin mootummaa bakka bakkatti danqamee jira,magaalli Dambi Doolloos loltoota Wayyaaneen guutamtee jeeqamaa jirti,namoota hedduu qabanii jiru kaanis mana mana irra deemanii barbaadaa akka jiran Qeerroon gabaase.

Leave a comment