Godina Wallaggaa Aanaa Gullisoo Keessatti Barattooti Lama Bulchiisa Naannoo Fi Poolisaan Ajjeefaman,Kaan Madaayan.

Mudde 4,2015 Gabaasa Qeerroo Gullisoo

Barataaa kutaa 12ffaa Guutuu Abarraa Dheeressaa

Barataaa kutaa 12ffaa Guutuu Abarraa Dheeressaa

Godina W/Lixaa Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaatti Poolisii fi Bulchiinsi naannichaa dura bu’aa OPDO ta’uun rasaasaan barattoota 2 ajjeesanii kaan madeessanii Hospitaala ciisaa jiru.

Gara jabinaan Lukkeeleen Wayyaanee gocha baayyee suukanneessaa kanneen magaalaa Caaliyaa keessatti raawwatanii jiran. Boris uummata keessa dhokatanii jiraachuuf jecha barattoota kanneen doorsisanii mooraa mana adabaa Calliyaatti waamuudhaan karaa Foddaa mana hidhichaa ijoollee kanneen bineensa gochuudhaan lubbuu isaanii balleessanii jiru.

Uummatnis gochaa kana balaaleffachuuf ammallee hin callifne. Odeeffannoo guutuu haala kanaa gadiitiin:

  1. Guutuu Abarraa Dheeressaa barataa kutaa 12ffaa kan ta’e, Namni ajjeesse Poolisiin Oromiyaa Malkaamuu Aanaa Gullisoo kan jiraatu rasaasa lamaan ajjeese.
  2. Karrasaa Caalaa barataa kutaa 9ffaa  . Kan isa ajjeesse Bulchiinsi magaalaa Calliyaa Tasfaa Likkaasaa nama jedhamu.

Akkasuma Lalisaa Bantii rasaasaan rukutamuun Hospitaala Aayiraa Ciisaa kan jiru Harki isaa hojiin ala ta’ee jira yookiin akka muramuuf docteerri gabaasee jira.

Leave a comment