Magaalaan Gimbii Diddaan Jeeqamaa Jirti,Ajajoonni Wayyaanee Feederaalaa 2 Qaama Hin Beekamiin Ajjeefamuu fi Nagaadoti Oromoo 7 Ammoo Hidhamuun Beekame.

Muddee 2,2015 Gimbii

Godina Wallagga lixaa ona Gullisoo magaala Calliyaa jedhamtee waamamtutti FDG torban kana qabateen waraanni Wayyaanee haga ammaa uummata dhaanuu fi hidhuu itti fufullee didaan barattoota fi qonnaan bultootaan qabate osoo hin qabbanawiin jabaatee itti fufee jira. FDG kaleessa magaala Gullisootti gaggeeffameen uummanni dhagaa fi dullaa dhaan waraana rasaasa waliin wal’aansoo qabaa oole, har’as haaluma kanaan itti fufe yoommuu tahu ganama har’aa sa’a 4:30 booda FDG bifaa fi humna qonnaan bulaa, barataa, hojjetaa fi daldaltoota hammateen ka’een dhukaasni uummata irratti banameen barataan Guutuu Abarraa jedhamu yoommuu du’u kan rasaasaan madeeffame buufata fayyaa Gullisoo seenee jiraachuu fi duulli hidhaa uummata irratti gahaa jiru guddaa tahuu Qeerroon gabaasee jira.
Akkasuma magaala Gimbiitti qaama hin beekamneen tarkaanfii ajajoota Wayyaanee federaala lama Hoteela Zamalak keessatti fudhatameen tokko
ajjeefamuu fi tokko madoo tahee bahuun Wayyaaneen humna qabdu magaala Gimbii keessaa baastee naannoo bosonaa qubachiistee jirti haaluma
kanaan humna addaa hin beekamne magaala Gimbii keessa jira jechuudhaan humni waraana wayyaanee dachaa dabalamuu fi namoota nagaa qabamaa jiraatuu Qeerroon gabaasee jira. Amma sa’a tokko dura daldaltootni dhuunfaa namni 7 waraana wayyaanee federaalaan qabamanii bakka buuteen isaanii dhabamee jira. Duulli hidhaa akkuma itti fufetti tahee Oromiyaan hanga bilisoomtuu fi dhiamtootni oromoo mana hidhaatti
guuramaa jiranis hanga bahanitti FDG akka itti fufu Qeerroon kallatti garagaraan waamicha taasiaa jira.
Diddaan bifa isaa qajeelchatuun naamusa qabeessa FDG keessa tahuudhaan hanga galii isaa gahutti ni fufa!

Leave a comment