FDG W/Lixaa A/Gullisoo Calliyaatti Har’a Itti Fufeen Barataa Guutuu Abarraa Addunyaa Wareegameera. Diddaan Bal’atee Itti Fufeera

FDG Akkuma itti fufetti jira. Godina wallagga lixaa anaa Gullisoo Bakka Calliyaa jedhamtu irraa FDG hara ganama kanan gaggeeffameen barataan tokko wareegame. Ummanni hedduun lakkoofsaan guddaan madoo taheera. Barataan due Guutuu Abarraa Addunyaa kan jedhamu FDG hara mormii master pilaanii godina wallagga lixaa anaa Gullisoo Calliyaa irratti gaggeefameen lubbuun isaa darbitee jirti. FDG yoomiyyuu kan hin dhaabbanne yoommu tahu barataa hara wareegame kana suuraa fi duubee isaa seenaa isaa waliin dhiyeessina diddaan itti fufee jira. Suuraawwan asirratti argamu ijoollee oromoo hara mana murtii federaalaatti dhiyaatan baayinaan nama 20 ol tahan funyoo sibiilan walitti hidhamanii kan deemanii fi shamarreen tokkos kan keessatti argamtu suuraan kaafame kan ragaa bahuudha. Dargaggootni sabbootni oromoo ammas mirga saba isaaniif ajjeefamuu, hidhamuu, murtiin dabaa haqaaf jedhanii falmatan itti murtaawuudhaan yeroo itti jabaataa dhufu tahullee yeroo kana uummanni, barataan harka qullaa diina afaan qawee baatee jiru dura dhaabbatee falma isaa itti fufeera. Duuti hin ooltu dua seenaa barabaraan saba ofii kabajamaaf jedhanii wareegamaa jiran seenaan haa yaadattu jechaa FDG qixaa fi kallattii isaa osoo hin jijjiirrannee hin dhaabbatu.

Leave a comment