Muddee 1,2015 Naqamte
Dhiigni barattoota daftaraa fi qalama malee hin qabne dhangala’ee seenaan dhaaba OPDO haagatafu jechaa har’a Muddee 1,2015 FDG akkuma
jirutti tahee godinoota Oromiyaa fi Yuuniversitiiwwan keeysatti jabeffamee jiraachuun haqa qabeessa. FDGtu gaggeeffame jennee waan addaa goonu osoo hin taanee ammas dirqamni uummata Oromoo fi jaarmaa qabsoo bilisummaa oromoo Qeeyrroo Bilisummaa dhaaba keenya ABO dhan hoogganamaa diddaa finiinaa jiru oromiyaa waliin gahuu irraa boodatti kan hin deebine ibsaa, godinoota oromiyaa keeysatti FDG finiinaa akka jiru yuuniversitiiwwan kanneen akka Haromayyaa, Bulee Horaa, Madda Walaabuum Mattuu fi Amboo keeysatti haala wal fakkaataa fi wal irraa hin cinneen hin dhaabbatin jira, haatahu malee Diddaan itti fufuun hanga mootummaa wayyaanee abba irree xumuraatti kan itti fufu tahee miidhawwan waraanni wayyaane yeroo ammaa kana gaggeeysaa jiru saaxiluu ykn gabaasuu feena.
Har’a Muddee 1/2015 godina wallagga lixaa aanaa Ayira Gulisootti FDG gaggeeffamaa jiru adda taasisetu tahe. Kan adda taasisu waraanni
Wayyaanee akkanatti heddummatu oromiyaa keessaa bakka qubate hin qabu uummannis heddummina waraana wayyaanee kanaaf hin jilbeenfanne. Tarkaanfii gara jabdummaan uummata naga iratti fudhatame kan garaa nama nyaatu maanduggoo, harmootii, daa’imas osoo hin jenne reebichi hamaan irratti fudhatame turtii sa’a 2:00 oliif magaala Ayira Gullisoo keessatti adeemsifamee jira. Kun ammas uummata sodaachise osoo hin taane uummanni daandii cufeedhuma dhaabbatee jira. Ganama sa’a 1:00 irraa kan egale haga amma sa’a 9:00tti FDG reebichi, hidhamuun osoo jiru hamma dhumnutti ejjennoo keenya hin jijjiiru jechuun daa’imaa hanga maanguddoowwaniitti daandiitti bahanii falmii gaggeeysaa jiru.
Kaleessa Sadaasa 30,2015 walgayii OPDOn uummata aanichaa iddoo tokkotti waamteen uummanni Billaa qara qabu, Dullaa, Eeboo fi
dhagaadhaan ariyee aanichaa baasuun ture, sababa kanattis humnoonni uummata duuba jiran ABO fi Qeerroo Bilisummaa jechuun tarkaanfiin
fudhatame jira ammas uummanni kaayyoo isaatti booda hin jennu jechuudhaan itti cichee FDG finiinsa jira.
Baha oromiyaa yuuniversitiiwwan garagaraa keesatti har’a kan egalee jiru FDGn barattootni har’a dhadannoo dhageesisaa oolanii jiru.
Barataan, uummanni hidhaatti guuramuun amala mootummaa wayyaanee tahus kana jala bu’uudhaan kannen FDG Sadaasa 2015niin hidhaman uummataaf dhiyeessina.