Sadaasa 27,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamtee
Qeerroon yuunibarsiitichaa ka Caffee godina Oromiyaa keessa tokko bakka bu’uun tajaajilaa ture akka jedhetti Sanbataduraa boriitti sagantaa simannaa barattoota yuuni barsiiyichaaf qopheessan akka dhaabbatu ta’uusaa himeera. Dargaggoon kun akka jedhetti Waajjira Itti aanaa Yuunibarsiitii Wallaggaa wayita dhaqnee eyyama gaafannetti guyyaa duraa eyyama erga argannee booda,Baankota fi abbootii qabeenyaa akkasumas namoota guddina aadaafi Seenaa uummata Oromoo barbaadan Ispoonsara gaafanne namoota fi dhaabbilee heddurraas deeggarsa arganne.
Deeggarsa argame kanaanis,mana nyaataa dhuunfaa tokko deemnee qarshii kuma kudhaniin nyaataa Aadaa Oromiyaa guutuu akkasumas meeshaalee Aadaa fi Seenaa ,uffata dabalatee waan uummata keenya ibsu mara qopheessinee turre.
Artiistota muraasa,Barsiisota aartii Afaan Oromoo fi barsiisota Afaan oromoo,Abbaa Gadaa Maccaa Duraanii Ilma Gooticha Dhugumaa Jaldeessoo Abbaa Gadaa Maccaa Obbo Dooris Dhugumaa, jaarsolii biyyaa dabalatee affeeramanii turan.Haata’u malee, Dr Hasan Waajjira biiroo itti aanaa Yuunibarsiitii Wallaggaa “isin Jaarsolii fi Qeerroo ABO nurratti sirbisiisuufi akkuma 2014 Fincila qopheessuuf waan deemtaniif,ammaa kaasee Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti GADOn kan hin jirre ta’uu beekuu qabdu jechuun dhangaa uummati Oromoo ittin wal arguuf,walbaruuf saganteeffame kana busheesse
Caffeen GADO Yuunibarsiitii wallaggaas, kanaan booda waa’ee guddina aadaa fi seenaa uummata keenyaa waadaa fuunee hojiitti seenne humni mootummaa fi ergamtooti diinaa hojii waan nudhorkaniif
1 Barattooti fi Uummati gaaffii abbaa biyyummaatti dabalee akka falmaa godhu
2 Dhangaa hawaasa keenya tortortuu OPDOtiin alaa’e kana Yuunibarsiitiin wallaggaa itti gaafatama fudhatee akka qabeenya bade nuuf deebisu
3 Yuunivarsiitichi jala deemtota maqaa Oromootiin daldalan ijaaruu waan maluuf ijaarsa gama moorichaan geggeeffamu akka hin fudhanne