Gabaasa Qeerroo Naqamtee Sasaasa 27,2015
Manni barumsaa Daaloo Sadarkaa duraa barnoota cufanii wayita geggeessaman,qophaa’iinni immo barattooti dareedhaa kaasanii guutuu magaalaa Naqamtee keessatti FDG itti fufanii jiru.
Wayita barattoonni FDG dhageessisan kanatti poolisoonni Oromiyaa suuta jedhanii ilaalaa kan turan yeroo ta’u, boodarran humni kora bittinneessa deeppoo bakka kuusaa peetiriyooliyeemii jiraatan konkolaataadhaan itti fe’amaa turan,haala kana hunda mo’achuun gootonni barattooti Oromoo diddaa isaanii argisiisaa fincila diddaa gabrummaa itti fufaa hiriira bahanii jiru.
Dhaadannoon isaanii
1 .Finfinnee handhuura Abbaa keenyaa murree hin kenninu
2. Ijaarsi marfata konkolaataa bifa Jawween ijaarame”jawween naqamterraa haa ka’u”
3. Uummati Oromoo mana hidhaati haa lakkifamu
4 .Saamichi lafaa hadhaabbatu
5. ABOn abdii fi irree uummata Oromooti.
6. .Hoji dhabdummaan haa furamu
7 .Lammiilee FDG irratti ajjefamaniif mootummaan itti gaafatama haa fudhatuJechaa kan turan yeroo ta’u,
Barattoonni kun karaa nagaa dhaadhannoo isaanii hanga sa’a gabaasaa kanaatti dhageessisaa jiru