Gabaasa Qeerroo Laaloo Assaabii Sadaasa 27,2015
Diddaan mormii maaster pilaanii Shaggar Lixaatti eegale Wallaggattis qaari’e ammalle ni jabaate wayyaaneen lafa lixxu dhabde waraana uummatra nagaatti bobbaasuun dhukaasa banaa jirti. Gabaasa amma lixa Wallaggaa irraa sochiin Qeerroo akka gabaasetti har’a lixa Wallaggaa Aanaa hundatti FDG qabatee jira.Addatti FDGn harka qullaa har’a magaala Laaloo Asabiitti ka’een meeshaan uummata irratti dhuka’us uummanni barattootni sodaa tokko malee dura dhabbachun falmii hedduu dhageesisaa dhaadannoos olkaasuun
-Master Pilani ni mormina
-Wayyaaneen nun bittu
-Mirgi uummata keenya haa kabajamu
-Saamichi lafaa haa dhabbatu Jechuun FDG itti qabsiisuun waraanni wayyaanee magaalicha buufatee jiru dhukaasa baneen namootni lama mada’anii hospitaala seenuun gabaasaa jiru.Uummanni hidhaatti guuramaa jira. Kunis FDG qabbaneesse osoo hin taane haala raajeffachiisaadhaan ittuma fufanii jiru.
Rasaasan kan mada’an keessaa Gammachuu Dabalaa barataa yoommuu tahu kan biraa yeroodhaaf maqaan isaa waan nun gahiniif itti deebinee
gabaasa goona.