Gabaasa Qeerroo godina addaa Oromiyaa Burrayyuu irraa, Sadaasa 21,2015
Wayyaaneen wayita kana kaayyoo isaa Maaster Pilaanii dura ijoollee oromoo dhaabbataniif shakkii kan qabu godinaalee addaa keessatti dargaggoota oromoo doorsisuu fi hidhuutti fuullefatee ka’ee jira. Uummanni jiraattotni naannoo godina addaa oromiyaa fi magaalota oromoiyaa keessaa saamicha lafa oromoo fi mormii maaster pilaanii dura dhaabbachuuf waamicha FDG dabarsaa jiran mootummaan wayyaanee dursee waan hubateef ijoollee oromoo sabboonummaa qaban fi adda durummmaadhaan namoota 7 ukkaamsuudhaan bakka buuteen isaanii dhabamee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.Akkasuma godinaalee addaa Sulultaa, Laga xaafoo, Sabbataa keessatti kora bittinneessan wayyaanee ramadamee akka sababni isaas mormiim waan MP waan jabaataa jiruuf ijoollee barattoota qabuu, uummata nagas qabuun hidhuu irratti wayyaaneen argamtee jirti. Yeroodhaaf kan nu geenye maqaan namoota 7 magaala Burayyuu irraa ukkaamfaman biroo ni baha.