Gootootni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Guyyaa yaadannoo FDG Sadaasa 9/2005 Waggaa 10ffaa bifa adda ta’een kabajachuun Sadaasni 9/2005 bara seenaa adda qabu bara dhaloonni qubee waamicha qabsoo ABO uummata Oromoof godheetti dammaqinsa guddaan warraaqsa biyyoolessaa FDG abbaa irree wayyaanee irratti gaggeessuun mirga uummata Oromoo kabachiisuuf wareegama qaalii kanfalan, bara qabsoon bilisummaa Oromoo dhiigaa fi lafee dhaloota qubeen jabeeffame, bara mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo qaroo uummataa ta’an qiyyaafatee jumlaan hidhee,jumlaan ajjeese bara seenaa dargaggoota Oromoo keessatti yoom iyyuu hin dagatamne waan ta’eef bara baraan ni yaddanna. Yaadachuu fi gootota ilmaan Oromoo wareegamaniif hidhii xuuxuu qofa utuu hin ta’iin kaayyoo goototni ilmaan Oromoo yeroo irraa gara yerootti irratti wareegamaa jiran galmaan ga’uuf wareegama kamuu baasuufi qabsoo bilisummaa Oromoo galii isaan ga’uufi gumaa gootota keenyaa baasuuf guyyuu kutannoo fi murannoodhaan qabsoo bilisummaa Oromoo ABO n durfamu cina dhaabbannee jiraachuu keenya ibsacha. Bara 2014 baatii Ebla 11/2014 irraa egaluun warraaqsa seenaa qabeessa bifa qindaa’ee fi ijaarameen kan itti fufsiifnee mormii guddaan mootummaa Wayyaanee Oromiyaa diiguuf maqaa Master Plani Finfinneetiin karooraa haaraa ittin Oromoo buqqisuu fi Maappii Oromiyaa diigu dura dhaabbachuun Waamicha FDG uummata Oromoo hundaaf gooneen Uummatni Oromoo keessa fi Duubaatti gara Warraaqsaa seenaa qabeessaa marsaa 2ffaa dhalootni Qubee Qeerroon bilisummaa Oromoo dhoosne kanatti dammaqinsaan kan hirmaatee fi wareegama fakkaataa bara 2005 deebisee kanfaluun biyyaa abbaa isaa falmachuuf dirqamedha. Ammaas hanga Oromiyaan Bilisoomtuu fi Wayyaanee EPRDF/TPLF harka isaa Oromiyaa irraa kaasuutti qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan ga’uu Warraaqsaa FDG finiinsuu irraa of duuba kan hin deebine ta’uu hubachiisuun Yaadannoo FDG Sadaasa 9/2005 sababeeffachuun IBSA EJJENNOO armaan gadii dabarfanne!! IBSA IJJANNOO BARATTOOTA OROMOO YUUNIBARSIITIIN JIMMAA KABAJA YAADANNOO FDG SADAASA 9