Gabaasa Qeerroo Magaala Gincii Sadaasa 23,2015
Gaafa Sadaasa 20,2015 Godina Lixaa Shaggaar MAGAALAA GIINCIItti FDG fi Mormiin Master Planii Finfinnee fi magaalota Oromiyaa Daran Jabaatee Itti fufe, Waraanni Wayyaanee Hiriira Mormii barattootaa fi uummataa irratti dhukaasa banuun Barattootni Oromoo Lama rukkutaman, Magaalaan giincii dirree waraanaatti jijjiiramtee jirti.
Giincii keessatti Warraaqsii FDG Gootota Barattoota Oromoo Mana Barumsaa GIINCII sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaan qabsiifame daran jabaachuun Itti fufe barattootni Oromoo lama rasaasa wayyaaneen rukutaman.Goototni barattootni Oromoo M/B GIINCII Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa mormii Master Plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa fi Gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun Torbee darbee Yaadannoo FDG Sadaasa 9/2005 Waggaa 10ffaa sabababeeffachuun FDG kaachisuun isaanii ni yaadatama. Hanga gaaffiin Mirgaa karaa nagaa fi
Dimookiraatawaa ta’een dhiyeeffannee deebii argatuttii barnootqa dhaabnee biyyaa abbaa keenyaa saamamaa fi diigamaa jirtuuf ni falmanna sagalee keenyaa Aaddunyaa biyya lafaa cufatti ni dhageessifannaa malee roorroo baatnee roorrifamaa hin jiraannuu jechuun Mana Barumsaa dhaabuun warraaqsaa Jabeessuun itti fufan. Addaatti Guyyaa kaleessaa Sadaasa 19-20/2015 guyyaa hardhaatti FDG haalaan Jabeessuun kan itti fufan Yoo ta’u, Guyyaa har’aa Daandii konkolaataa Cufuun Hiriiraa Mormii Guddaan yeroo ammaa kanatti Magaalaa Giincii Keessatti Gaggeeffama jira.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee Magaalaa GIINCII keessatti humna waraanaa of harka qabu barattoota irratti bobbaasuun barattootaa fi
uummataa barattootatti dabalaamee karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiruu irratti waraanaa banuun MAGAALAAN GIINCII dirree waraanaatti
jijjiiramtee jirti, Looltootni Wayyaanee Meeshaalee waraanaa fi Meeshaa Gaazii summaa’aa nama boosisuu dhukaasuun Magaalaa Giincii
Dirree waraanaa fakkeessuun Uummata rasaasaan reebaa jiraachuu maddeen keenya gabaasan. Gabaasaa amma Magaalaa giincii irraa nu qaqqabaa jiruun Dhukaasaa waraanni wayyaanee barattoota Oromoo irratti baneen Barattootni Ormoo Lama Magaalaa Giincii keessatti rasaasaan kan rukutaman ta’uu ifa godhee jira. Warraaqsii akka jiruutti jabaatee itti fufee jira, Uummatnii fi Barattootni Oromoo humna waraanaa fi
Poolisii Federaalaan Ukkaanfamuun hidhaatti Guurama jiran kan lakkoofsi isaanii hin beekamne ta’uun gabaafamaa jira.