Gabaasa Qeerroo Bulee Horaa Sadaasa 23,2015
DG godina Booranaa irratti uummataan ka’e gaaffii uummataa aanaalee garagaraa 8 ol tahu keessatti ka’ee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.
Dargaggootni oromoo godina Booraa barattoota Qeerroo mooraa yuuniversitii Bulee Horaa waliin tokkummaa uummateen gaaffii mirgaa fi
walgayiin wayyaanee akka hin gaggeeffamne aanaalee garagaraa keessatti kanneen akka Bolee Horaa, aanaa Galaanaa, A/Abbayyaa,D/Daawwaa fi
kaanis keessatti gaaffii uummanni kaase
– Hanga yoomitti maqaa Bulchiinsa gaariitiin gowomfamna bulchiinsi
gaariin hin jiru
– Saamichi lafa oromoo haa dhaabbatu
– Mirgi uummata keenyaa eegamaa hin jiru
– Uummanni Master Pilanii tahuu hin qabu jedhee erga mormee yaadni uummataa tikfamee eegamuu qaba.
– Gochi mootummaan sabaa fi sab-lammii walitti buusee gidduudhaa fayadamaa jiru haa dhaabbatu fi kk jechuudhaan
Waraqaan hedduun aanalee kanneen keessatti bittimfamanii akka jiran Qeerroon gabaasee jira. Kanuma irratti barruuleen garagaraa
bittimfaman
– Uummanni walgayii mootummaan ajaju irratti akka hin hirmaanne
– Uummanni hojjetaas tahe gibira gabbaruu irraa akka dhaabu
– Sirni bitta fi gurgutaas akka dhaabbatu barruun garagaraa mul’atee jira
– Gaaffiileen uummanni yeroodhaa yerootti kaasu kun midhamuu uummataa itti dabala yoo tahe uummanni bakka jiru bahee yeroodhaa yeroottis
daandii cufuu, tarkaanfii barbaachisaa caasaa mootummaa wayyaanee irratti akka adeemsisu waamicha taasisuu gabaasni Qeerroo nugahee
jira.
Mooraa yuuniversitii keessatti halkan edaa waraqaan halluu Diimaa Magariisa Diimaadhaan barreeffamee bittimfamee ture. Sabboontotni
oromoo mooraa yuuniversitichaa wayita kana kaanee falmachuun mirga saba keenyaa fi qabeenyaa tikfachuu fi wayyanee ofirraa kaasuun
dirqama tahuu waamicha diddaa yeroodhaa yerootti taasisaa jira waraqaalee dhaadannoo garagaras mooraa keessatti halkan edaa
maxxanfame shakki wayyaaneen qabduun mooricha guutuu keessatti tikoonni halkan seenuudhan barattootni ganama ka’ani waraqaa bittifame
kana osoo hin argin funaanaa buluun kan gabaafamee fi kanumaan wal qabsiisuuni barattootni gaadamaa akka jiran, hojjetootni moorichaa
hedduunis target wayyaanee keessa seenanii kan jiran ABO tu mooraa seenee jira, deggertoota ABO fi Qeerroo Bilisummaatu mooraa jeeqa
jechuunis hojetoota irraa shakkii qabaachuun doorsisaa fi hordofuunis Qeerroon gabaasee jira. Fincilli ka’ee jiru hanga gaaffiin uummataa
deebii argatutti itti fufna jechuun Qeerroon gabaase