Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Sabbataa Kan Sadarka 2ffaa‏ Baratan Imaamata Maaster Palaanii Finfinnee Mormuun Diddaa Dhageessisan.

Gabaasa Qeerroo Sabbataa 23,2015

diddaa9Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi sadarkaa olaanan godinaalee addaa oromiyaa keessatti argaman mormii master pilani wal qabsiisuun gaaffii yeroodhaa yerootti kaasaa jiran. Odeessa har’a sadaasa 19/2015 sabbataa irraa nu qaqqabeen mana barumsaa sadarkaa 2ffaan sabbataa
kutaadhaa kutaatti dhaamsa waliif dabarsan. Nuti barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa sabbataa karoora master pilani jabeessine mormina jechuun gaaffii sagalee fi barruudhanis yeroo garagaraatti dhihyeessaa bahan. Haaluma kanaan barattootni har’a master -pilaaniin
hojii irra ooluu hin qabu, karoora kana hojiirra oolchuuf kan deemu itt gaafatama jalaa hin bahu nuti ni wareegamna barumsas barachuu nii dhaabna jechuunis barattootni kutaa barnootaa keessatti sagalee dhageessisuun barumsa dhaabuu Qeerroon gabaasee jira. Kanumaan barsiisotni isintu barattota walitti qabaa jira jechuun jaleewwan Wayyaanees doorsisaa jiraachuu fi naannoo koollejjii sabbataa fi
hojjetoota warshaa Ayikaas hordoffiin tikaan taasifamaa kan jiru sodaa fincilli ka’a jedhuun tahuu Qeerroon gabaasee jira. Yuunversitii
keessattis gaaffin dhimma barnootaan wal qabsiisuudhaan keessattu yuuniversitii Haromayyaa keessatti gaaffiin barattootaan ka’ee jiru
kan itti fufee jiru tahuu gabaasaan ibsa.

Leave a comment