Maqaa leenjii karoora guddinaa fi tranformation jedhuun aanaalee Oromiyaa hunda keessatti OPDO dhaan kennamaa jiru irratti mormii guddaan muudachaa jira.

Sadaasa 5,2015 Adaamaa,

diddaa9Akkuma beekamu mootummaan Wayyaanee karoora master pilaanii Finfinnee qotee bulaa Oromoo qe’ee isaa irraa buqqisu hojii irra oolchuuf dhama’aa jirti. Maqaa leenjii jedhuun yeroo darbe magaala Adaamaa fi godina addaa Oromiyaa magaala Holotaatti kaadiree fi ergamtoota isaa walitti qabuun hololaa turte guyyaa kaleessaa Sadaasa 4,2015 irraa eegalee Aanaalee hunda keessatti kaaabinee gandaa, hojjattoota qonnaa, hojjattota fayyaa fi qotee bulaa keessaa namoota muraasa walitti qabuun holola garaagaraa gaggeessaa kan jirtu yoo tahu hirmaattota irraa mormii guddaan muudatee jira.

Gaaffilee hirmaattota irraa kahuun dabballoota OPDO aanaa muddama keessa galchaa jiran:

  1. Dhimmaa karoora mastaar pilaaniitiin qotee bulaan Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqahuu hin qabu!
  2. Gaafii mirgaa gaaffannee deebii argachaa hin jirru!
  3. Karoora master pilaanii karaa dhoksaa ta’een hojiirra oolchuf fiiguun haa dhaabbatu!
  4. Miidiyaan OMN miidiyaa uummata Oromooti malee miidiyaa sobaatii miti maaliif miidiyaa sobaa jechuun uummata keessatti ololtuu?
  5. Afaan Oromoo afaan federaalaa fi afaan hojii ta’uu qaba!
  6. Daangaan magaalaa tokko daangaa baadiyyaatiin gargari waan taheef akkamitti magaalli daangaa isaa darbuun qotee bulaa baadiyyaa qe’ee isaa irraa buqqisa?
  7. OPDO’n dhaaba Oromoof dhaabate osoo hin taane dhaaba uummata qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuuf dhaabateedha! Haala kanaan Yaadaa fi gaaffiin garaagaraa ballinaan ka’uun ergamtoota Wayyaanee leenjii kennuuf dhihaatan afaan qabsiisaa jiru.

Leave a comment