ABO

Olola Dharaa Oomishee Facaasuu fi Ummata Shoororkeessuudhaan Umrii Bittaa isaa Dheereffachuuf Dhama’uun Mootummaa Wayyaaneetiif Aadaa Tahe.

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa kenname)

Mootummaan Wayyaanee olola dharaa daangaa hin qabnee fi duula shoororkeessummaa, haaressa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti banee jira. Humnootiin tikaa fi miidiyaan Wayyaanee akkuma amala isaanii fiilmii dharaa maqaa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo xureessu oomishuuf har’as olii fi gadi kaataa jiru . Duulli maqa-balleessii fi jibbisiisaan kunis waan haaraa utuu hin taane itti fufa kan ammaan duraa ti. Gama biraanis humnootiin tikaa Wayyaanee maqaa miseensota Adda Bilisummaa Oromoo fi shoororkeessitoota jedhuun wayta ammaa ilmaan Oromoo nagaa biyya keessaa fi biyyoota ollaatii ukkaamsanii garii mana hidhaatti guuruu, kaan immoo ajjeesuu fi gara dabarsuun muddama uumuuf asii fi achi fiigaa jiru. Kijibni Wayyaanotaa fi fakkaattotni isaanii ABO fi walii gala qabsoo Oromoo irratti tarrisan: ABOn dhiphoo dha, shoororkeessituu dha, hooggannni ABO nama ajjeesa, nama qala, ABOn ergamaa alagaa ti, qabsoon Oromoo ummatoota kaan balleessuuf adeema, …kkf. kan jedhu olola hundee hin qabne dha. Olola fokkisaa gantoota sabaa fedhii dhuunfaa guuttachuuf jecha dantaa saba ofii balaa irra buusuuf luffisan keessaan oofuudhaan tokkummaa ummata Oromoo diiguu fi qabsoo bilisummaa Oromoo balleessuuf bara baraan dhama’u. Miidiyaa of harkaa qaban kan akka Dhaabbata Raadiyoo fi Televiziona Itoophiyaa, gaazexoota mootummaa, raadiyoo Faanaa, marsariitii isaanii kan akka Ayigaa Forum, Tigraay Online, Waarkaa, mana pal talk, akkasumas Youtube Gadaa TV fi kan kana fakkaatutti gargaaramanii sum’ii diinummaa isaanii Oromootti facaasuuf aara-galfii dhabaa jiru. Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Sadaasa 2015

Leave a comment