Wallagga Lixaa, Aanaa Hoomatti Mootummaan Wayyanee Ibsaa Uummata Irraa Kutuun Baatii Tokkoo Ol Ta’eera. Kanaafis Gaaffii fi Diddaan Uummataan Ka’ee Jira

Sadaasa 3,2015 Najjoo

Wallagga lixaa aanalee garagaraatti ummanni rakkoo ibsaa fi jireenya hawaasaaf barbaachisa tahee dhabuun rakkina keessa seenee jiruun gaaffiin
dhiyaatee jirus deebiin rukuttaa fi hidhaa tahuun Qeerroon gabaasee jira.
Yarootti torbanoota lamaan sadan darban kanatti deggertoota ABO, Qeerroo Bilisumma fi uummata diddaaf kan qindeessan jedhamuun dargaggootni reebamaa dhaanicha wayyaanee jala baduunis kan hammaate godina wallagga lixaa aanaalee Najjoo, Gorii, Manasibuu, Mandii, Gimbii fi Haaruu fi kkf keessatti wayyaanee xiyyeeffannoo guddaa kennuun soda qabuun dargaggoota irratti tarkaanfii reebichaa fudhachiisaa jirun sababa guddaan tahu isin ABOdha, hojjetoota ABO jechuunis hidhaatt guuraa jira. haaluma kanaa ammo Wallagga aanaa Hoomaatti ji’a tokkoo ol kan tahuuf ibsaa ummata irraa kutuun uummanni iyyatee dhabuu irras deebiin gaaffii uummataa reebichuma tahaa jiraachuun gabaafame. Hanga har’aattis jiruun hawaasaa dhabamuu ibsaa irran kan ka’e rakkina keessa seene ibsachaa jira. Rakkoo keenya nuuf birmadhaa, uummata isaa rakkina keessaa baasuuf kan dhaabbatee falmaa jiru ABO(WBO) nuuf waamaa jechuudhaan uummanni iyyaa jira. sababa kanatti rakkoon uummanni keessa jiruun gaaffiiwwan ka’aa jiran olka’aa dhufuun Wayyaaneen ammas hawaasicha kan rakkisu malee kan fayadu akka hin taanee jala muramee hubatamee jira.

1 thought on “Wallagga Lixaa, Aanaa Hoomatti Mootummaan Wayyanee Ibsaa Uummata Irraa Kutuun Baatii Tokkoo Ol Ta’eera. Kanaafis Gaaffii fi Diddaan Uummataan Ka’ee Jira

  1. isiin haa gahu nagaan koo lammummaa fi kabaja tabba bahu laga cehe qeerroon lafu hin qabu bilisummaa fiduf garaa jabinan waayyaanne jala dhabbachu qabna kallatti oromia maran.

Leave a comment