Karoora Master Palan Finfinnee Hojii Irra Olchuuf Jedhcha Guyyaa Har’aa Irraa Egalee Mariin Aanaleef Taasifamu Magaalaa Hoolotaa Irraa Wayyaaneen Eegaluu Qeerroon Gabaase.

Onkolooleessa 29,2015 Holotaa

ahMootummaan Wayyaanee TPLF Maaster pilaanii Finfinnne fi godina addaa naannawa finfinnee qotee bulaa lafa irraa buqqisu dhuma baatii kanaa ykn Onkoloolessa 2015 hojiirra oolchuuf ol gadi raafamaa jira.

Karoora Maaster pilaanii uummanni oromoo lubbuu isaa itti wareegamaa jiru hojiirra oolchuuf bakka bu’ooti Wayyaanee TPLF dhaabi OPDO’n torbee darbe kaadiree fi bulchitoota  magaalaa Adaamaatti walitti qabuun  karoora Wayyaanee fudhachiisuuf ololaa turte yeroo ammaa kana guyyaa har’aa Onkoloolessa 29,2019  irraa eegalee godinaalee Oromiyaa hunda keessatti kaadiree fi ergamtoota aanaa hunda keessaa walitti qabuun olola uummata Oromoo qe’ee irraa buqqisuu mariisisaa jirti.

Haaluma kanaan godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinneetti kaadirootaa fi ergamtooti Wayyyaaneef amanamoo tahan walitti guuruun magaalaa Holotaa irratti mariisisaa jiru. Marii kana irrattii kaaadirooti OPDO miidhaa qotee bulaa Oromoo kanaaf quuqaman gaaffiis tahee yaada tokko kennaa kan hin jirree fi kaadirooti sammuun isaanii gabroomee garaa isaaf duutu qotee bulaa qe’ee isaa irraa buqqisuuf murtii dabre fudhachuuf qoophaa’uu issheetu mul’ata. Qeerroo fi sabboontoti Oromoo iddoo jiruu ka’aniie falmachuu akka qaban jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa ibsa baatii kana keessa baaseen beeksisee jira.

Leave a comment