Gabaasaan Qeerroo Bilisummaa magaalaa Naqamtee akka hubachiisetti ganama har’aa kana konkolaataan maqaa Ambulance jedhamtu ofirraa qabduu fi irra guddaa hojiin isaa uummata baadiyyaa fi magaalaa keessaa uukkamsee mana hidhaatti guuraa kan ture garagalte jedha.
Akkuma beekamu yeroo ammaa kana maqaa dubartoota deessisuuf oolu jedhamu ofdura qabuun ammoo ergama hojii Tikaa fi basaasummaa Wayyaanee baadiyyaa fi magaalaa keessa socho’uun kan uummata ittiin ukkaamsan konkolaataan ambulance kun ganama har’aa Onkoloolessa 24,2015 magaalaa Naqamtee keessatti garagalte. 
Haata’u malee konkolaataan kun daandii sanarratti poolisoota Oromiyaatiin tiksamaa kan jirtu yeroo ta’u,namni hagamii akka miidhame wanti ifa ta’e hin jiru,Keessa beektonni akka jedhanitti yoo ta’e qondaaltoti baasasa wayyaanee dalagan keessatti miidhamuu hin hafne jedhameera
Garuu humnaan tikfamuun konkolaataa basaastota kanaa hawaasa magaalaa Naqamteef qeeqa addaa kenneera.
Konkolaataan kun kan galagalte magaalaa Naqamtee marfata almmaffaa gidduutti ta’uu Qeerroon gabaasa.
