Irreechi Malkaa Ateetee Buraayyuu Sirna Howwaan Onkoloolessa 11 Bara 2015 Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

Malkaa AteeteeOnkololeessaa 11/2015 Ayyaanni Irreecha Malkaa Ateetee Magaalaa Burraayyuutti haala howaa ta’ee fi Walleelee warraaqsaa Qabsoo bilisummaa Oromoo ABO faarsuu fi Mormii guddaa labsii Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa Caffeen Oromiyaa OPDO’n raggasise balaaleffatan.
Ayyaanni Irreecha Malkaa Ateetee akkuma Ayyaana Irreechaa torban har’aa Hora Arsadeetti kabajame haala howaa ta’ee fi dammaqinsa guddaa uummatni Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo fi Labsii master Plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa Caffeen Oromiyaa raggasisee balaaleffachuuf uummatni Oromoo Miliyoonaan lakka’amu ayyanicha bifa adda ta’een kabajate. Keessattuu waanjoo garbummaa uummata Oromootti kallattii hundaan fe’amee jiruu of irraa buusuuf abbaan dhimmaauummatni Oromoo qabsoon dura dhaabbachuuf uummatni dammaqinsa guddaan Ayyaanicha irratti marii gochuun FDG tti seenuun biyya keenyaa f mirga keenyaaf ni falmanna jechuun murtii isaa dabarfatee jira.
Murtiin Uummataa fi dargaggoota Qeerroo bilisummaa Oromoo fi Barattoota Oromoon fudhatamaa jiru kunis mootummaan sirna EPRDF/TPLF yaaddoo keessa kan galchee fi dheekkamsii uummataa warren fallaa qabsoo bilisummaa Oromoo ijaajjaan hedduu rifaasisa jira. Uummatni Oromoo, dargaggootni Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Goototni barattootni Oromoo ejjennoo qabsoo FDGf qophii ta’uu Ayyaanaa Irreechaa guyyaa har’aa Malkaa Ateetee Burraayyuutti kabajamee fi Hora Arsadee Magaalaa Bishooftuutti kabajame irratti waadaa(irbuu) qabsoo
bilisummaa Oromoof qaban haaromsan, Qabsoo bilisummaa Oromoo fi master planii Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa Labsame murtii dabarfame kun atattamaan hanga haqamutti Qabsoon gamtaadhaan akka itti fufu labsiin uummataa fi dargaggoota ,barattoota Oromoo fi Qeerroo bilisummaa
Oromoon dabarfame. Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee Burraayyuutti guyyaa har’aa kabajamee kana irratti barruuleen warraaqsaa mormii master planii Finfinnee fi gaaffii bu’uura mirga Abbaa biyyummaa uummata Oromoo qabatee uummataaf raabsamaa olee, sabboontootni Oromoo haala hedduu dammaqinsaa Siyaasaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuun ABO fi WBO akkasumas gootota Oromoo faarsuun haayyaanicha haalaa ajaa’ibsiisa ta’een kabajatan.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee humna waraanaa guddaa fi poolisoota heddumina qababan bobbaasuun Ayyaanicha ugguruu fi
dargaggootni ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo akka hin faarsineef bobbafaman illee tokkummaa uummataa fi jabina dargaggoota Qeerroo
barattoota Oromoo haalan jabaachaa dhufee irraa Wayyaaneen uggura qopheesse itti milkaa’uu hin dandeenye. Basaastootni fi humnootni
waraanaa Wayyaanee dargaggoota dhaadannoo sagalee dheekkaamsaan guutame dhageesisanii fi walleelee warraaqsaa sirban marraa hedduu
uummata keessa seenuun bittinneessuuf yaalan illee itti milkaa’uu kan hin dandeenye ta’uun hubatamee jira… Gabaasaan Ayyaana irreechaa
Malkaa ateetee Burraayyuu waraabbii sagalee fi video fi suuraan deeggarame itti fufinsaan ni dhiyaata.

Leave a comment