Hayyuun Oromoo Obbo Dabbasaa Guyyoo Bakka Buuteen Isaa Dhabame.

Obboo Dabbasaa Guyyoo  ykn Obboo Abbaa Liban Dabbasaa Guyyoo ji’a Fulbaana 27,2015 Ayyaana Irreechaa Nairobi ti kambajamee oolee irratti argamuun eebba sirna ayyaanichaa akka raawateen booda gara mana isaatti galee deebi’ee akka gadi ba’een booda osoo maatiin hin beekiin bakka buuteen isaa wallaalamee hanga har’aatti dhabamee jiraachuu maatiin isaanii fi hawaasi Oromooo Nairobi gabaasu.

Obbo Dabbasaa guyyuu hayyuu fi qaroo Oromoo seenaa fi aadaa akkasumas amantii Oromoo ganamaa irratti beekumsa ol aanaa kan qabanii fi aadaa,seenaa fi afaan Oromoo guddisuu keessatti qoodaa fi gahee ol-aanaa kan qaban qaroo hayyoo Oromoo keessaa tokko.

Ummanni Oromoo bakka maraa dhabama isaanii kana irratti birmatna godhchuun waajiba waan ta’eef hawaasi keenya biyya keessaa fi alaan argama isaaf gumaacha akka kafalaniif bakka wal iyyaafataa jiraachuunis beekame.

Fulbaana 27,2015 Nairobi Irratti Eebba Obbo Dabbasaa Guyyoo

Leave a comment