Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Walqixxee,Onkoloolessa 09,2015
Gabaasaan Qeerroo Yuunivarsiitii Walqixxee akka ibsutti barattooti sabboontota Oromoo Yuunivarsiitichaa,bifa lamaan mormii bulchiinsa Yuunivarsiitii Walqixxee irratti qabsoo diddaa maqaa leenjii jedhuun duula daguuggaa sanyii Wayyaaneen deemsisftu fi maqaa maasterpilaanii Finfinnee tiin geggeessu irratti barattoota Oromoo amansiisuu fi maqaa Itoophiyaa ijaaruu jedhuun sochii Wayyaaneen taasisu dura dhaabbachuun barattooti Oromoo fi sablammooti kaan diddaa isaanii sagalee jabaan dhageessisaa oolan.
Leenjiin kun guyyaa afurii hanga Onkoloolessa 08, 2015tti kan itti fufu yeroo ta’u,barattooti Oromoo qabsoo sabboonummaa bifa lamaan adeemsisaa jiru kan jedhame, tokkoffaan barattooti keenya gaaffii abbaa biyyummaa Oromoo gaafataniifi
- Maasterpilaanii fi walitti makiinsi magaalota Oromiyaa akka haqamuuf uummata keessaa baaneef gaaffi kana eessattuu,yoomiyyuu jabeessinee gaafanna.
- Yuunibarsiitii Walqixxee irraa bara barnoota 2014 irreessa arfaasaa waan irreeffataniif qofa barattooti Oromoo 12 ari’aman jibbiinsa sabummaan waan arii’amaniif haalduree tokko malee gara barnoota isaaniitti akka deebi’an cimsinee hubachiifna.
- Abbaan biyyummaa uummata Oromoo magaalaa Walqixxee, gubuuree akka eegamu ni gaafanna fakkeenyaaf lafti Walqixxee dirree Oromoo fi moggaasa Oromoo ta’ullee uummati Oromoo magaalicha keessa jiraatu akka sabaatti ilaalamuu dhabuun mirga namoomaa keenya kan tuquu fi gubuuree jechuun mataan isaatuu gubuu jecha jedhu fi dirree Oromoo ta’uun utuu beekamuu imaammata TPLF ittiin nudhiituu fi saboota biroon walitti nubuusuuf saganteesse waan ta’eef, saboonni bakkicharra jiraatan akka sabaatti uummata keenya akka kabajanii jaalalaan wajjin jiraataniifi hubannoon kennamuufi qabu jabeessinee gaafanna fi gaaffilee hedduu gaafataa kan turan yeroo ta’u Qeerroon gabaasa.
Tooftaan lammataa immoo walga’ii isaanii barattooti Oromoon hanga guyyaa har’aatti lagatanii turan haata’u malee bulchiinsi Yuunivarsiitii walqixxee maqaa barattoota Oromoo walga’ii hirmaachaa hin jirree maxxansuun,maaliif akka leenjii irraa haftan nutti himaa wayita jedhetti barattooti Oromoo ta’e jedhee mootummaan TPLF uummata keenya bahaa Oromiyaa irra jiraatan mootummaa naannoo sumaalee liyyuu hayil jedhamu hidhachiisuun fixaa kan jiru yeroo ta’u,bulchiinsi naannoo Oromiyaa immoo ilmaan guddifachaatiin waan bakka bu’amneefi mootummaa akka naannoottillee saba keenyaaf quuqamu waan dhabneef uummata keenya dhumaa jiruuf gadda lammummaa keenyaa nutti dhaga’ameef leenjii dhiisiitii barnootayyuu hordofuuf nutti ulfaateera jechuun leenjicha lagachuu isaanii gabaasaan Qeerroo yuunivarsiitii walqixxee irraa nuqaqqabe hubachiiseera.