Ministeerri Barnootaa Impaayera Toopiyaa Walgahii Maqaa Jedhuun Barsiisotaaf Barattoota Afaan Faajjessaa Jira.

Fulbaana 15,2015

1-alaabaa-oro-01ALH fulbaana 3-9 itti barsiisota sadarkaa barnoota dhaabbilee ol aanoo hanga oolmaa daa’immanii jiraniif leenjii kennamu akka lakkoofsa gi’iiziitti hanga sadiitti kan itti fufu yeroo ta’u,wal tajjiin leenjii kun barattoota guutuu impaayerichaaf gaafa kudhanii hanga kudha saddeetiitti akka ta’us ibsamee jira.
Keessumaa naannoo oromiyaatti leenjii keennamaa jiru kun waan maastersiidhakaa pilaanii finfinnee amansiisuufi FDG barattootaan Oromiyaa keessatti adeemsifamu dhaamsuuf barsiisoti ga’ee isaanii ba’uu akka ta’es ibsameera.
Dabalataanis filmaata sobaa impaayerichatti adeemsifameen booda callisi sabaafi sablammoota impaayerattii wayyaanee waan yaaddesseef hubii olaantummaasaanii laadhachuuf ta’uunis beekameera.
Booqaa birraa irrattis ayyaana irreessaa guutuu oromiyaatti kabajamurratti walleelee warraaksa akka hin dhageessisamneef fakkeenyummaa qabaachuu qabdu jechuun wayyaaneen gorsa addaa akka kennaa jiruufi ayyaana irreessaa keessa harka galfatuuf yaalaa jirtus beekameera.

Gama biraan Qeerroon Bilisummaa Oromoo kanneen boqonnaa yeroo gannaa irraa manneen barnootaatti deebi’an gochaa wayyaanee fi baaraga siyaasaa Wayyaaneen keessa jirtuuf akka hin sarminee fi gaaffiin mirgaa uummata Oromoo akka itti fufu ibsanii jiru.

Leave a comment