Hagayyaa 28,2015 Qeerroon Oromoo fi Uummatni Oromoo magaalaa Amboo mootummaa Wayyaanee Uummata Oromoo mana jireenyaa irratti diigaa,ajjeesaa balaa beelaaf saaxilaa jiru irratti gaaffii mirgaa kaasuuf jecha barruu warraqsaa ‘’Waliif Haa Birmmannu’’ jedhu bittinnessuun Uummata Oromoo hundaaf waamicha dabarsee jira.
Waliif Haa Birmannu!!
- ‘’Biyya mootummaan hin jirre heerrii fi nageenyi hin jiru’’
- Oromoon ijaaruu malee diiguu hin beeku!!
- Har’a hoo??
- Hamma Yoomitti diinni Oromoo qe’eetti ajjeesaa, mana galmaa isaa irratti diiguun,biyyaa arii’achaa, qe’eefi qabeenya isaa irraa buqqisaa , balaa beelaaf saaxilaa jiraataa ??
- Kunoo Akkuma godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti ta’aa jiru tibbana immoo Magaalaa Ambootti tilmaamaan gara mana 10,000fi isaa ol kan ta’ee diiguuf diinni qophii xummuree waan jiruuf salphina guddoo kana hambisuuf haa kaanu!!
- Akkuma beekamu mootummaan abbaa irree cunqursaa fi gidiraa baroota dheeraaf ilmaan Oromoo irraan ga’aa ture har’as ittuma fufuun jibbinsaa fi tuffii uummata keenyaaf qabu ifatti muldhisuuf itti fufinsaan uummatan nagaa dhukaasee ajjeesuu, hidhuun gidirsuu,mirga namoommaa fi dimookiraasii guutummaatti uummata keenyaa irra kaasuun uummatni keenya to’annaa human waraanaa jala galfamee jira. Oromiyaan keenyaas Waraanaan eegamaa jirti. Yeroo amma kanas Oromiyaa godinaalee cufaafi magaalotaa nannaawaa finfinneetti argaman keessa manneen galmaa ilmaan Oromoo qofa irratti qiyyaafachuun humnaan itti ba’ee diiguun Oromoo dahoo illee dhorkatee rakkoo ulfaataa keessatti uummaticha kuffisuun jibbinsa,tuffii fi abbaa irrummaa isaa maa isaa ifatti uummata keenya irratti muldhisaa jiraachuun uummata Oromoo daran dheekkamsiisaa waan jiruuf gamtaan kaanee rorroo diinaa of irraa kaasuuf furmaatni jiru FDG kaachiisuun mootummaa wayyaanee dura akka dhaabbannuu murtii irra geenyee waan jirruuf uummatni keenya waliif dirmachuun bakka hundatti wayyaanee dura ni dhaabbanna!!Waliif Haa Birmannu!!
QEERRO JABAADHAA QABSOON ISIN ITTI JIRTAN UMMANNI OROMOO HUNDI ISIN DUUKAA JIRA KEESSATTUU WARRI KEESSA JIRTAN QABSOO KARAA HEDDUUN GODHUU DANDEYSAN QABSOO AKKA DIINA IRRAA BITUU DIDUU, ITTI GURGURUU DIDUU, GIBIRA KAFALUU DIDUU, ISAAN LAGACHUU, KAN KANA FAKKAATU HEDDU GODHUU DANDEYSAN.
OROMIAN NI BILISOOMTI!!
isiin haa gahu nagaan koo jechaa akkam jirtu jecha, qabsoon qawwee qofaa qabachun miti karaa baayee habasha of irraa galchu dandeenya xaaliyani kan biyyaa base oromoo kanaaf,oromoo hundi dhala fi dhiran harka wal qabne bilisummaa haa gonfanu keessattuu dhala gahe guddaa taphachu dandahu mataa dhoksachu dhisani oromummaa isaanif gahe qabu yoo of bekan!of tahun dirqama oromooti