Qeerroo Muniir Ali.
Dallas Texas irraa.
Ni Sarbamnne mirga Keenya
Ormaan dhiifnnu haqa Keenya
Eenyuu Kan nun mormu
Oromiyaan teenya
haa Kaanu Qeerroo Koo
Jollee biyya teenyaa
Walaboomuu qabdi
Biiyti Abbaa Keenyaa.
Onnee dhaban
Sombaa nama duta
Ka’i Oromoo Koo
Maalumaafii Usta
haa baafnnu gumaa gootaa
haga yoom Callifnna
Ni dhummnna yokaan
Ni bilisoommnna
Alagaaf gabroomnnee
Nama gad Laalamnnee
Hin Jiraannu tufattamnnee
Haqa Keenya dhabnnee
Qabsoo Keenyan dhabnnu
Fincilli itti haa fufu
hamma Walaboomnnuu
Dargagoo shamarran
Ilmaan biyyaa martuu
Xiqqaadhaa fii guddaan
Nu Kaasaa Hundumtuu
Haa Kaanuu Qabsootti
Oromiyaan teenya
nu malee enyuun qabdii?