Hagayya 17,2015 Asoosaa
Mootummaan abbaa irree wayyaaneen nun bulchitu jechuudhaan Naannoo Beneshangul Gumuz, Godina Asoosaa, aanaa Mangee jiraattoota Ganda
Salam keessatti diddaan kun kan dhoye hagayya bultii 12 bara 2015 bulchitoota gandaa fi milishoota kannen uummaticha hiraarsan irratti tarkaanfin uummataan fudhatameen milishootni Wayyaanee kan ajaja fudhatan galmaan gahan.Uummanni naannoo fi milishoonni Wayyaanee kan walitti bu’aniif sababaan lafa qonnaan bulaa fi gandoota bosonaan marfamanii jiran irraa uummati akka buqa’anii fi abbootii qabeenyaaf dhalootaan alagaa ta’aniif akka kannemu ajaja mootummaan dabarse irraa ta’uu gabaasi nu gahe addeessa.Walumaa gala naannoo godina Beneshaalgul keessatti bulchitootii fi uummati walii galuu dadhabuun bakkoota adda addaa keessatti jeeqamsi hammaachaa dhufuu irraan sirni Wayyaanee yaadoo keessa gala jira.