Hagayyaa 16,2015,Kombolcha
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu Magaalaa Komboshaatti,uummanni Oromoo mootummaa Wayyaanee ergamtooti sirnichaa OPDOtti hin bulluu jechuun murtii walga’ii Wayyaanee kallatti kamiin iyyuu gootu irratti hirmachuu waan Dideef Reebichaa fi hidhaan Dararamaa Jira.
Mootummaa Wayyaanee ergama diinummaa fudhachuun uummata dirqisiisanii bituuf human waraana Poolisii Federaalaa fi kora bittinneessa kanneen jedhaman uummata irratti bobbaasuun galgala sa’aa 12:00 booda nama karaa irratti argan hunda gaaffii tokko malee reebuu fi hidhuun gidirsaa jiru. Hojjettootni fi dafqaan bultoota galgala
nyaata bitanii nyaatanillee otoo hin hambisiin hunda walitti qabanii rukuttaa uleen miidhaa jiru. Haalli kun utuu hin jaalatiin Uummata hunda gara FDGtti seensisaa jira.
Uummatni mootummaan Wayyaanee fedhii keenya malee waggaa 25 guutuu dirqamaan afaan qawwee fi humna waraanaan dirqisiisee bnu bitaa turuutti hedduu gaddina, kanaan booda wareegama kamuu yoo ta’ee ni baasna malee mootummaa wayyaaneef dirqamaan iyyuu hin jilbeeffannuu jechuun murtii isaa jabeesse jira.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee kan uummata nurratti kakaasaa jiruu fi uummata nurratti ijaaree jiruu Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota ol-aanoo irraa deebi’anitu nu goola jiru jechuun hordoffii addaa barattoota Oromoo irratti gaggeessa jiraachuun saaxilamera. Haala kanaan Walqabatee namootni Hedduun Aanaa Guduruu irraa qabamanii hidhamuu madden Qeerroo Bilisummaa Oromoo magaalaa Konbolchaa irraa gabaasan.
Addattuu bulchaa Aanichaa kan ta’e Namni Biqilaa Fiixaa kan jedhamu ergama gooftolii isaa ifatti ummata duratti bahuun humnaan akka ummata bulchaa jiran ” ibsuun kan karaa nu dhiphise barattoota waan ta’eef ,humna nagaa eegsisuun guyya lamaaf itti gadhiifnee karaa bali’fanna” jechuun abbaa irrummaa isaanii sodaa tokko malee ifatti
beeksisaniiru.
Hagayyaa15,2015 jiraataa magaalaa komboshaa kan ta’e Dargaggoo Kadir Muusaa Umar gaaffii fi badii tokko malee bakka jireenya isaa deemuun reebichaa fi dararama irra geessisuun gara mana hidhaa geessanii achittis reebicha hamaa irra geessisaa jiru.walumaa galatti namootni ammaaf mana hidhaa Wajjira Poolisii magaalaa kombolchaa jiran 10 ol ta’anis sababa gaaffii dhorkamaniif eenyummaa fi maqaan
isaanii adda hin baafamne.