Hagayyaa 13/2015 ‘’ Qabsoon Bilisummaa Oromoo Faashinii baraa mitii hadhaa’eetu minyaa’a bu’aa wareegamaati’’ Addii Bilisummaa Oromoo (ABO) lamas sadiis miti, dhaabaa lafee fi dhiiga ijoollee Oromootiin utubamee ijaraamedha, Kanaaf ABO diiguunis ta’ee cicciruun ykn jijjiiruun hin danda’amu. Dhaabni kun dhaaba uummataatii malee dhaaba gartuu muraasaa(nam-tokkee) akka hin taane seenaa uummataa Oromoo fi ABO waliin waliitti hidhatee jiru ni ibsa. Ijoolleen Oromoo maqaa ABO bakkoota adda addaatti maxxanfachuun akka Sagantaa fi siyaasaa mataa ofii fi maqaa ABO bakka lamaaf sadiitti maxxanfachuun adeemsa burjaajii siyaasaa biyyoota hambaa garaagaraatti ilmaan Oromoo gidduutti muldhatu gadii jabeessuun balaaleffaanna. Ololli farra tokkummaa ta’ee afaaniin maqaa tokkummaa farsuu kun yeroon dhaabbatee ilmaan Oromoo gama qabsoo bilisummaa Oromoo ijaaruu, jabeessuu, humneessuu fi dirqama Oromummaa keessanii akka bahattan dhaamsa keenya dabarsuun, xiyyeeffannoo keenya isa guddaa Mootummaa abbaa irree garboontattuu Wayyaanee irratti xiyyeeffachuun akka hojjetnu waamicha keenya dabarsina.
Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF ilmaan Oromoo Ajjeesaa, dachee Oromiyaa saamaa, balaa beelaaf saaxilaa,duula hidhaa Jumlaa uummata Oromoo irratti gaggeessaa fi uummata Oromoo humnaan cabsee bitaa kan ture, ammas qabsoon FDG fi sochiin uummatni Oromoo gama hundaan wayyaanee irratti gaggeessaa jirru jabaachaa fi wayyaanoota yaaddoo keessa galchaa waan dhufeef mootummaan Wayyaanee qabsoo sochii diddaa biyyaa keessa fi biyyoota hambaa garaagaraa keessatti Oromoon tokkummaan irratti gaggeessaa jirru laffisuuf ta’a jedhee ilmaan Oromoo kaleessaa biyyaa abbaa isaanii irraa arii’ate jiruuf jireenya dhorkachaa turen hardha immoo maqaa ‘’Diaspora’’ jedhuun sossobee dhiigaa obbolaa isaanii fi foon lammii isaanii guyyaa saafaa rasasaan fixaa ture ‘’Hirmii’’ yaachisaa jiraachuun hubatamee jira. Qeerroo Bilisummaa Godina Baha Oromiyaa