(Hagayya 09, 2015 Sulultaa) Shaggar Sulultaa Galma Tulluu Guddootti Ayyaanni Amantii Waaqeffannaa kan Hundeeffama Waggaa 1ffaa Sirna Miidhagaan Kabajamuu Qeerroon Gabaase.
Waldaan Amantaa Waaqeffannaa dhaabbachuun uummata Oromoo kallattii hundaan sochoosuun tokkummaa cimaa uumaa jira.
Haaluma kanaan galmoota Waaqeffannaa Oromiyaa keessatti ijaaruuf sochii guddaan taasifamaa kan jiruu yeroo tahu galmoota naannawa Shagar Sululta keessattu hundeeffaman keessa GALMI TULLU GUDDOO isa tokko yoo tahu guyyaa har’aa Hagayya 08,2015 kan jila hundeeffama waggaa tokkoffaa haala hoo’aa fi bareedaa taheen kabajamee oolee jira.
Ayyaana kana irratti hordoftoonni abbootiin amantaa Waaqeffannaa Oromiyaa guutuu irraa walitti dhufuun ayyaanicha irratti argamaniiru.
Deeggarsi maallaqaa qarshii kuma diigdamaa ol 20000 walitti qabamee jira. Akka waliigalaatti haalli sochii Amantaa waaqeffannaantiin jiru hedduu kan nama boonsu waan taheef deeggarsi hawaasa oromoo biyya alaa jiranii nu waliin haa tahuun ergaa keenyaa galatoomaa ulfaadhaa.