Miidiyaalee Oromoo Hundaaf
Malkaa Caffee irraa
Carraa guddinni ‘technology’ yeroo ammaa argamsiise irraa Miidiyaaleen Oromoo muraasni kan dhimma Oromoo tajaajiluu irratti hundeeffaman horatamuun waan nama gammachiisaa ti. Isaan kun hundi akka tokkotti firii Qabsoon Bilisummaa Oromoo argamsiise tahuunis hin falamsiisu. Kan ummatni Oromoo isaan irraa eeguu fi kan isaan himatanis galma gahiinsa QBO milkeessuutti waan gumaachu hojjechuu dha. Dhimma kana irratti jabinaa fi hanqina jiru qalbii guutuudhaan hordofanii jabinni jiru akka daran guddachaa deemuu fi hanqinni mul’atu akka guutamaa fi wayyaawaa deemuuf yaada kennuudhaan haa tahu akka danda’ame hundatti qooda gama ofii bahachuun dirqama sab-boontota Oromoo maraa ti. Miidiyaalee keenya nuutu guddifata amantii jedhu irratti hundaawuudhaanin yaada kiyya kan dhimma kana ilaalu akka armaan gadiitti gabaabsee dhiheessa.
Miidiyaan tokko waan hojjetu hunda irrattuu safuu fi ulaagaa ittiin hojjetu qabaachuun barbaachisaa dha. Safuu fi ulaagaan Miidiyaaleen Oromoo ittiin masakamuu qaban ammoo kan dantaa Oromummaa tiksuu fi jajjabeessuu irratti hundaawe tahuu qaba. Akkumaan olitti jedhe kan ummatni Oromoo isaan irraa eeguu fi isaanis himatan galma gahiinsa QBO milkeessuun kaayyoo hundeeffama isaanii tahuu waanin abdadhufin kana jedha.Miidiyaalee Oromoo Hundaaf